Jecha Afaan Oromoo
Sagaleef sagaleen walitti dhufuun jecha uuma.
Sagaleen gara garaa akkaataa hiik qabaaachuu dandaánitti
yoo walitti dhufan, jechoota adda addaaa uuma.
Jechi sagaleewwan ykn sagaleelee garagaraa lamaa fi isaa
oli irraa ijaarama.
Afaan Oromoo keessatti jechi bifa adda addaaatiin
ijaarama: Isaanis:
1. Sagalee dubbachiiftuu fi dubbifamaa irraa
Ma + na = Mana
Ka + na = Kana
Bo + so + na = Bosona
I + ja = Ija
Mar + ga = Marga fi kkf jechoota sagalee adda addaarraa
uumamaniidha.
-
Jecha tokko irraa jecha biraa baasuu:
Jecha tokko fudhannee, jecha sanarraa jechoota biroo heddu uumuun ni dandaáma.
Fkn: Mirkanaaé: Jecha Mirkanaaé jedhurraa jechootni hedduu bahuu danda’u.
Isaanis: -kana -aanaa
-miá -karaa
-ana -naannaé -
Hundee jechaa irraa dhaalatoo baasuu.
Deem: Hundee kana irraa jechootni uumamuu dandaán:
-Deeme
-Deemte
-Deemne
-Deeman fikkf faá.
Dhamjecha:
Jechi tokko dhaamsa ykn ergaa tokko ykn tokkoo ol of
keessaa qabaachuu danda’a.
Jechi tokko dhaamsaawwan tokkoo ol yoo of keessaa qabaate,
unkaawwan(forms) dhaamsaawwan adda addaa agarsiisan,
addaan baafatanii beekuun ni danda’ama. Unkaan dhaamsa
tokko qofa qabu Dhamjecha jedhama.
Fkn: Jecha ‘’Saroota’’ jechu yoo fudhanne dhaamsa lama
dabarsa.
1. ‘’Saree’’ ykn beeylada miila afurii kan jedhu yoo
taú
2. ‘-oota’ kan jedhu immoo baayina agarsiisa.
Walumaagalatti jechi ‘saree’jedhu dhamjecha tokko yommuu
taú,
jechi ‘-oota’ jedhu dhamjecha biraati.
Sararri xiqqaan(-) kun, dhamjechi kun dhamjecha biraa
irraa foxxoquu agarsiisa.
Dhamjecha Hirkata:
Dhamjechi hirkataan gosa sadi(3) qaba.
1. Dhamjecha hirkataa duree(prefix).
2. Dhamjecha hirkataa gidduu(infix).
3. Dhamjecha hirkataa duubee(suffix).
Dhamjechi hirkataan dureen, dhamjecha jalqaba
jechootaarratti maxxanee dhufuudha.
Fkn: al- alidilee
Wal- walmaddii
Gar- garmalee… fkkf fakeenyota dhamjecha dureeti.
Dhamjechi hirkaan gidduu, dhamjechaa hundee jechaa gidduu
galuudha.
Hub: Afaan Oromoo dhamjecha kana hin qabu.
Dhamjecha hirkataa duubee; kunis dhamjecha dhuma
jechaarratti maxxanee galuudha.
Fkn: ‘-oota’ jecha saroota jedhu irraa cite
‘-icha’ jecha namicha jedhurraa fudhanne
‘-dhaan’ jecha eboodhaan jedhu ilaaluu dandeenya….
Fikkf dhamjechoota dhuma jechootaarratti maxxanuun
baayína, akkaataa, fikkf agarsiisaniidha.
Jecha Tishoo
Jechoota hiika qaban lama walitti fiduundhaan jecha hiika
qabu tokkoo fi baay’achuu ykn danachuu danda’u uumu, Jecha
Tishoo jedhama.
Akka seerluga Afaan Oromootti, Jechoota tisheessuun haala
lamaan ijaaramuu danda’a. Isaanis:
1. Sarara xiqqaan walitti fiduu(-)
Haala kanaan jechootni tisheeffaman jechoota lamaan gidduu
sarara xiqqaa galchuudhaan.
Jechi inni jalqaba irratti dhufu sun yoo sagalee dheeraan
xumurama ta’e qubee tokko irraa gatuun sararri xiqqaan
gidduu gala.
Fkn: Seenaa + qabeessa = seena-qabeessa
mataa + duree = mata-duree
faayidaa + qabeessa = faayida-qabeessa
Jechi inni jalqabaa sun sagalee gabaabaan xumurama
taanaan, sagalee sana irraa haqnee sarara xiqqaa itti
hiina.
Fkn: koola + galtuu = kool-galtuu
roga + sadee = rog-sadee
saba + lammii = sab-lammii
-
Walitti Siiqsuun barreessuudha.
Inni kun mala jechoota tisheessuu isa lammaffaa yommuu ta’u,
innis jechoota lameen walitti siiqsanii iddoo duwwaa gidduu jechootatti osoo hin hambisin
afuura tokkoon akka dubbifamuuf, walitti siiqsanii barreessuudha.
Fkn: gara + dhabeessa = gardhabeessa
saba + lammii = sablammii
mataa + duree = mataduree
Jechi Tishoo jechoota qeenxee fi danoomuu danda’uudha.
Qeenxee: ……. Danuu
seena-qabeessa …… seena-qabeeyyii
mata-duree …… mata-dureewwan
faayida-qabeessa ……. faayida-qabeeyyii
kool-galtuu …….. kool-galtoota
rog-sadee ……. rog-sadoota
sablammii …… sablammiilee/sablammoota
gardhabeessa ……. gardhabeeyyii
AFAAN OROMO - Oromo Language