Imaanaa Jaalalaa - Asoosama
Gabaabaa
Kutaa - Afur
Borumtaa isaa barfadheen dhufe.
Hirriba halkan qe’ee koo lagatee
bule gara barii sossobatee na
fudhatee sokkerraa kanin wareeree ka’e iyya
bilbilaatiini . Duquqquuma keessa
ta’ee ija sukkuumachaan kaase.
“Heloo!”jette na
dursitee. Siddisee dha .
“Heloon”jedhe . Uffata
halkanii ofirraa darbadhee ka’een
lafa ijaajje.
“Roobale nagaa dha mitii?
Biiroo maaliif akka hin galle si
gaafachuufin
bilbile!”.
Barfachuun koo naa gale .
Maaliifuu haa
bilbiltu.Arrabsoodhaan dhukkee na
irraa kaasuuf otoo naa
qaacilteeyyuu anaaf sagalee ishee
dhaga’uun eebba kamuu naa caala .
Iji koo ariitiin yoo wal gadhiisee
ifa duraan hin qabne gonfatu natti
dhaga’ama. Maashaan koo annisaa
horatanii yoo utaaluuf qoqophaa’an
natti beekama .
“Dhiifama! Dhufaan
jira!”jedheen cufe. Nan
utaale. Otoo namni dhaabbatee
dhimma koo kana yaadaan qabu
jiraatee waan muudamni
ministeerummaa naa kenname malee
nama sagalee intala jaalallee
qabduu qofa dhaga’uun akka jabbii
silga quuftee burraaqxuu lafa
dhiphisuu, intala nama adda biraaf
ifa taate irraa gaaddidduu ishee
gaaddifachuuf dhama’u godhee na
hin hubatu. Ariitiinan kofoo koo
gatantaraa ofitti diree, shamizii
keessa danqaree,fuula koo
bishaaniin dhuubee ba’e.
Yoon waajjira ga’u yeroo hojii idileerraa sa’aa tokkoof walakkaa barfadheera. Dafqi bobaa jalaan na xuruuruu eegaleera. Siddiseen akkuma kaleessaa,akkuma tibba darbee ,akkuman guyyaan jalqaba ishee argee miidhagdeetti… Isa durii caalaayyuu!
“Eessa bulteetu?”jette
asaastee kolfa ukkaamaamaa .Seeqee
callisuurra kan darbe homaa afuura
hin baafanne.
“Si yaadaan
bule!”jedhuu?anatu of
gaafate.
“Yoo arrabsitee na
salphistewoo ?” ofumaafin
deebise.
“Boo isallee
dhiisi…salphina ati
ofirratti raawwatte caalaa? Otoo
jaallattuu jaalalaa kee otoo itti
hin himiin afaan bantee otoo
ilaaltuu cululleen
“qalam!”si duraa hin
goonee? Isa dhiisiitii
…ammas qaawwi xiqqoon yoo
jiraatte hin beekaniiti dubbii
mataa itti galfata taatu dubbadhu!
Jedhi kaa …jedhi malee!
Dabeessa wayii!”jedhee
sammuun kokkee yaadaatti na
hudhe.
“S..i..yaadaan
bu…le!”sagalee
ulfaataa hoollannaan hogganun of
keessaa darbadhe.
” Jettaam!”jettee gara hojii isheetti deebite. Isheef jechi kun qoosaa dha. Anaaf garuu ciiniinsuu dubartii lakkuu da’uuf miixattee obbaafattee irra hin xinnaatu.
Mallatteessee yoon teessuma kootti
deebi’uuf jedhu. Obbo Waaqjiraan
biiroo isaaniitti akka na
barbaadan natti himte jennaan
korojoo koo minjaala koorra kaa’ee
qaxxisaa dhaqe. Yeroo hojii
kabajuu baannaan adabbii isaan
fudhatan hamma hojii irraa
akeekkachiisa tokko malee
ariisisuu akka ga’u guyyaa
waliigaltee mallatteessine waan
natti himamee tureef onnee naasuun
tarsa’uuf jettu sossobaan ol
seene.
Harka fuudheen taa’e.
“Sila si barbaadnaan hin
galle naan jedhani. Maali
nagumaanii?”
“Dhiifama …hirribatu
na injifate!”
“Rakkoo hin qabu!
Dargaggeessi hirriba hin quufu
jedhani!”jedhanii takka
qasa’ani. Kolfi isaanii surraa
qaba.
Anis gargaareen kolfe.
“Maaliifin si barbaade
seete….Hojii keetti
dhugumaan booneera. Nama waadaa
isaa kabaju taateetta. Kana
yaadaan qabee …Gara
Baalee-Roobeetti si erguufin
jedha. Torban tokkoof hojjettoota
keenya damee sana jiran leenjii
akka kennitun barbaade!”
Dhugumaan natti hin tolle.
Magaalaa ala ba’uu koo otoo hin
taane dhangaa guyyuu afuurrii fi
lubbuun koo sooratan honga’uu
kootu yaaddoo natti uume.
“Maal yaadderee
Roobale?”jedhanii hirriba
yaaddoo keessaa na dammaqsani.
” Qofaa kee miti kan deemtu
…Birraa fi Siddiseenis ga’ee
hojii waan qabaniif si waliin
imalu. “yoo jedhan gurra koo
hin amanne. Waan cooma jaalalaa
muranii afaan na kaa’an natti
fakkaate.
“To(o)le! Natti
tola!”jedheen galateeffadhee
ba’e. Balbala cufee duubaan itti
hirkadhee dhaabbadhe. Kolfi na
cinqe. Gammachuun suuqa ture
ilkaan koo kolfa jaalalaa
dharra’eruun hammate. Harka koo
aboottadheen
“Yes!”jedhe.
Itti fufa
© Mootii A
Barreessaa Marsariitii Afaan Oromo Online
