Hima Afaan Oromoo
Himni jecha (word), ykn gaalee( phrase) ykn ciroo (
clause) tokkoo fi isaa olirraa ijaarama.
Gulummoo fi Xumurtuu qabaatee yaada guutuu kan dabarsuu fi
sirna tuqaaleetiin kna xumuramuudha.
Akkasumas Jechootni walitti dhufuudhaan yaada guutuu
fudhatamaa fi qindaa’aa ta’ee ergaa guutuu kandabarsuu fi
sirna tuqaaleetiin kan xumuramuudha.
Walumaagalatti, Himni gulummoo (subject) +ibsa-xumurtuu(adverb) + xumurtuu (verb)+ ibsa- maqaa (adjective) + gocha-fudhataa (object) of keessaa qaba.
Afaan Oromoo kessatti himni qindaa’aan tokko kutaalee lama of keessaa qaba.
1. Gulummoo[Mathima]:-Subject
2. Xumurtuu(Antima):-verb
Fkn: Tolaan Leenca ajjeese. Tolaan:-mathima”
Fkn: Bokkaan roobe. roobe:-xumurtuudha”
Afaan Oromoo keessatti Himni Akkaataa tajaajilasaa fi caasaa seerlugaa(grammatical structure) irratti hundaa’uun bakka lamatti(2) qoodama. Isaanis:
A. Hima Akkaataa Tajaajilaan
Himni Afaan Oromoo Akka tajaajila isaa irratti hundaa’uun
bakka Afuritti(4) qoodama. Isaanis:
1. Hima Addeessaa/Himaamsa
Addeessaan Hima ta’iinsa waan tokkoo, jijjiirama waan
tokkoo, iddoo wanti sun itti argamuu fii kkf ibsuudha.
2. Hima Gaaffii
Gaaffiin, Hima waa’ee gulummichaa hojiisaa kan gaaffiin
ibsuudha.
Fkn: Guyyaan har’aa maali?
3. Hima Ajajaa(Command)
Ajajni, Hima ergaa bifa ajajaatiin darbu ittiin
ibsinuudha.
Fkn: Hojii manaa hojjadhu.
4. Hima Rajeffannoo
Raajefannoon, Hima waan tokko raajefachuu/dinqisiifachuu
ibsuuf itti fayyadamnuudha.
Fkn: Nan bade!
B. Hima Akkaataa Caasaa Seerlugaatiin
Himni Afaan Oromoo Akkaataa caasaa seerlugaa irratti
hundaa’uun bakka Afuritti(4) qoodama. Isaanis:
1. Hima Salphaa(Simple sent.)
Himni Salphaan Hima xumurtuu tokko qofa qabaatee kan ergaa
guutuu dabarsu yoo ta’u Innis ciroo ofdanda’aa tokko
ta’a.
Fkn: Boonaan dhufe.
2. Hima Dachaa(Compound sent.)
Dachaan, Hima xumurtuu lamaa fi isaa ol qabaatee yaada
lamaa fi isaa ol dabarsuu danda’uudha.
Fkn: Caaltuun ganamaan kaate. fuula dhiqatte, ciree ishee
nyaattee mana barumsaa deemte.
3. Hima Xaxamaa(Complex Sent.)
Xaxamaan, Hima Ciroo dhaabbataa fi ciroo hirkataa tokkoo
fi isaa ol of keessaa qabuudha. Hima kana keessatti wal
qabsiiftotni ciroo hirkataa irra jiraatu.
Fkn: Yoo dhufuu baattellee, xalayaa naaf barreessi.
4. Hima Dachaa Xaxamaa(Complex Compound sent.)
Dachaa Xaxamaan, Hima ciroo of danda’aa tokko fi sanaa
olii fi ciroo hirkataa lama fi isaa ol of keessaa
qabuudha.
Fkn: Qilleensarras kaattu, lafarras arreeddu walgeettiin
teenya Finfinneedha.
Isheen yoo as deemtus, yoo achi deemtus waa’ee Dachaas
lafa hin keessu.
HORAA BULAA
AFAAN OROMO - Oromo Language