Hiikkaa Jechoota Afaan Oromoo
Jechootni hiika addaa addaa qabu, Isaan keessaa haala armaan gadiin mee haa ilaalluu:
1. Hiika Sirrii / kallattii: jechi tokko
uumaadhaan hiika isaa kan beekkame kan namni hunduu itti
waliigale moggaasa ganamaa jechuudha.
Fkn: Hoolaa - Beeylada manaa kan miilaa afur qabu, kan
foon isaa nyaatamu
Biddeena - Midhaan irraa kan tolfamu, ija ija kan qabu,
kan nyaatamu. fi kkf
2. Hiika Dubbii: Hiikni dubbii kun hiika
sirrirratti kan rarra’e fi kan muuxannoo hawaasicha
fayyadamuu wajjiin deemudha.
Fkn: Leenca - Jabaa jchuudha
Waraabessa - Kan Garaa jaalatu jechuudha.
3. Hiika Galumsaa/ bakka galamaa: Kunimmoo yeroo
jechootni himoota adda addaatti galuudhaan hiika adda
addaa qabaatani kan uumamuudha.
Fkn: Jecha ‘dhahe’ jedhu yoo ilaalle:
a) Daa’imni sireerraa lafa dhahe. —>Sireerraa
kufe akka jechuuti.
b) Caalaan uleen lafa dhahe. —> Rukute/reebe
akka jechuuti.
c) Abdiisabaa bineensa faana dhahe. —-> duuka
bu’e, hordofe, barbaade akka jechuuti.
d) Ani rakkannaan Mootiin mala naa dhahe. —>
Furmaata naaf barbaade, akka jechuuti
e) Caalaan bullukkoo dhundhumaan dhahe. —>
safare akka jechuuti
4. Hiika galmee jecchootaa: Hiika galmee
jechootaa kan jedhamu, hiika jechootaa kanneen armaan
olitti ilaalle kan of keessatti
qabatu ykn immoo hiika galmee jechootaa irratti kennamu
jechuudha.