BUNAA FI FAYYAA : - Dr Gurmeessaa
Bunna dhuguun faayidaan fayyaaf qabu maali?
Dhalli nama buna dhuguu kan eegale jaarraa 15 ffaa dha as
akka ta’e ragaan mul’isa. Yeroo ammaa kana akka addunyati
bunni dhugaatiiwwan hedduminaan dhugaman keessa tokkodha.
Tole ka har’a qorannoo godhameen faayidaa buna dhuguun
fayyaadhaaf qabu isinitti hima. Faayidawwan buna kan
dubbistanii ; warri duru buna jaalatan jaalala keessan
cimsatu,kan buna jibbus yoo jiraate tari yaada keessan
jijjirattu jedhen yaada.
*Faayidawwan buna kun mee maal fa’a???
1.Dhukkuba sukkaara ittisuuf. Qorannoon heddu kan mul’isu
bunni dursee dhukkuba sukkaara (type-2 diabetes mellitus)
nurra ittisuu akka danda’uudha. Dhukkuba sukkaara yeroo
amma akka addunyaati nama miiliyoonni 300 oltu ittin
rakkata. Namni buna dhugu carraa dhukkuba kanaan qabamuu
parsantii 23-50tiin gadi buusa.
2. Carraa dhukkuba onnee fi dhiiguu sammuu keessatti
hir’isa. kara tokkoon dhukkubni onnee fi dhiiguun sammuu
keessattii(stroke) walqabataa
waan ta’eef;dhukkuba sukkaara yoo ittisu dhukkuba onnee fi
dhiiguu sammuu keessattis ittisa. karaa biratiin ammoo
waldhahuu rukkutaa onnee(heart rythm disturbance) kan
dhukkuba onneetii fi dhiiguu sammuu keessatiif sababa
ta’uu maluu nurra dhorka.
3.Dhukkuba narvii nurra ittisuuf. Buna dhuguun dulluma
keessa dhukkuboota narvii dhufu malan ittisa kunis :
* Madaala qaama eegachuu dadhabuu,maasha
alee qaamaa garmalee kotoonfachuu,qaamaan hoolachuu fi
deemsaan qususu..kun waliigalatti” parkinson’s
disease” jedhama.
*Dandeettii waa yaadachuu dhabuu ykn waa hunda
irranfachuu..”Dementia/Alzheimer’s disease
“jedhama.
Dhukkubootni lameen kun keessumatuu namoota umriin isaanii
65 ol ta’e irratti mul’atu. Dhukkuboota yaaluuf rakkisaa
ta’aniidha. Namooni buna dhugan carraan dhukkuboota kanaan
qabamuu ofirra ittisu.
4.Kaansarii ittisuuf. Qorannoon kan agarsiisu namootni
buna dhugan carraan kaansarii tiruutiin qabamuu parsantii
40 gadi yoo busu,carraa kaansarii mari’imaanii parsantii
15 niin gad buusa.
5.Tiruun keenya fayya-qabeessa akka ta’uuf. Hojii gudda
kan qabu tiruun keenya keemikaalota nyaataa fi dhugaatii
,keessatuu alkoolii keessatti argamaniin yeroo gara
garaati rakkoon irra gahuun dhukkubsatee sadarkaa
dhuma(cirrhosis) jedhamuurra gahuu danda’a. kun ammo yeroo
gabaaba keessati nama ajjeesa. Bunni tiruu
qulqulleesuudha
an keemikaaloota hubatii fidan irra eega
6.Dhiphinaa fi si’aa’ina dhabuu(depression) nurra qolata.
Qorannoo yuuniveristii harvarditti godhameen buna dhuguun
sababa si’aa’inna dhabuutii kan dhufu rakkoo ofiin of
ajjeesuu(suicide) akka hir’isuu dha.
**HUB:
Faayidaa buna kaneen kana fakkatan yoo ta’u. Yeroo ulfaa garuu dubartoonni buna dhorkamuu batamuus xiqqeesani yoo dhugan gariidha. Akka qorannoon mul’isutti dubartoonni yeroo ulfaa garmalee buna baay’isan ulfi irra bahuu (miscarriage) danda’a jedha.
Bunni xiqqoos taatu dhiibbaa dhiiga ni dabala. Kanaaf hin dhugina jechuus batamu namni dhiibba dhiiga qabu xiqqeesee dhugu qaba.
maaree “Buna fi nagaa hin dhabina ” jedha mitiree oromoon. “Bunni jira……koottaa Buna dhuga!!”
source: authoritynutrition.com
DR Gurmeessaa
Galatooma!!!FAYYA TA’A!!