************************************************************************
Ummani kuush Gurraachi Uumamaa fi
Uumaa isaatiif ulfina /kabajaa olnaa
qaba.
Ummata gurraacha kuush keessaa ammoo Ummanni oromoo safuu Uumamaa fi Uumee isaatiif Eeguudhaan kan dhalootaa dhalootatti dabarsuudhaan asiin gaheedha.
Uumamaa fi Uumee yoo jennu:-Uumamni uumama Waaqni uumeedha. uumaan ammoo Waaqa tokkicha.

Akka dhugeeffannaa Oromootti,
#Safuun seera uumaa
umamaa isa jalqabaa yookin
ganamaati.
Hariiroon uumaa fi uumamaa (lubbuu
qabeeyyii fi lubbu dhabeeyyii)
gidduu jiru #Safuu jedhama. Uumamni
marti Safuu uumaan isaanii kenniteen
qajeelfama.
Akka Oromoon jedhutti Safuun yoo
jal’ate ykn cabe,madaalliin uumamaa
ni jeeqama Balaa, gidiraa, rakkoo,
cubbuu fi kkf Walaabuutti dhufa.
jeequmsatu Walaabu keessatti
uumama.
.
Seerri Makkoo Biliitis Safuu
ilaalchisee akkana jedha
“Ilmi abbaaf haadhaa Safuudha;
Saafuu waliif haa Kennan! Saalfii fi
qaanii wal haa hedatan, kabaja walii
haa kennan! ” jedha. Waan kana
ilaalchisee ammo Seera Ulfaata,
#Woyyooma (Woyyuu) jedhamutu
jira.
.

#Woyyuu, jechuun
gabaabumatti, aadaa Oromoo
Keessatti: Ilmi, nama abbatti
ooluuf, dubartii
haadhatti ooltuuf, Ykn nama ilmatti
namaa oolu, Soddaa Soddaatii
wajjiin, warra roga kanaan wal-
Kabajaniin jechuu dha.
Fakkeenyaaf, Dubartiin haadhatti yookiin intalatti namaa ooltu, namni abbatti yookin ilmatti namaa oolu marti Woyyuu.
Woyyoomni ammo aadaa Oromoo Keessatti Seera ulfaataa. Namni tokko akkuma intala gosa Isaa taate wajjiin hin ciifneefi hin fuunellee san, dubartii intalatti ooltuuf (ta abbaa tawuuf) [“Sugar Daddy”] yookiin ammoo, ta haadha Isaa taatuu [“Sugar Mummy”] wajjiin hinrafus hin fuudhuus jechuu dha, Seera aadaa ka Woyyoomaatu dhoorga.Akkas gochuun Safuu uumaa fi uumamaa cabsuu ykn jallisuu dha!!!
Kanumaaf ummanni oromoo yoo Eebbifatu/faateffatu.
Hayye Waaqa
Waaqa Uumaa
Waaqa Uumama Maraa
Waaqa jechuun kan hundaa
Gurraacha Garaan garbaa
Tokkicha maqaan dhibbaa
Leemmoo Rooba taliilaa
Waaqa bokkuu gurraachaa
Waaqa ciicoo gurraattii
Waaqa haroo wolaabuu
Waaqa sagaltama garbaa
Waaqa saglan booranaa
Waaqa saddeeta marsaa gadaa
Waaqa torban baareentuu
Waaqa jahan wayyoomaa
Waaqa Gadaa shananii
Waaqa shanan tuma odaa oromoo
Waaqa afurtamman gadoomaa
Waaqa soddomman Uumee ambaa
Waaqa lamaan orom kan Booranaa fi
Baareentuu
Tokkicha hundaa olii.
Uumama maraa qajeelchitee
Samii utubaa malee dhaabdee
Lafa dhisaa malee diriirsitee
Biiftuu bahaan baaftee dhihaan
buuftee halkanii fi guyyaa uumtee
Woraana malee loltee
Araara malee toltee
Yaa’ii/gumii malee waamurtee
Si waamannu nuu dhuftee.
Jechuudhaan Ummanni Oromoo Uumaa isaa akkanaan dhugeeffata. Ummanni kuni waaqa isaa akka kanaan beeka jechuu dha.
Ummanni oromoo Uumaa qofaa miti Waan Waaqni uumefis iddoo guddaa kennudhaan ni kabaja safuu uumamaa uumee eeggata waan lubbuu qabaa akkuma argetti lubbuu isaa hin baasu hattaa biqltootaayyuu akkuma arge hin muru hin ciru hin barbadeessu osoo gogaan jiru jiidhaa hin muru osoo dabaan jiru qajeelaa hin muru ni kunuunsa.
Woyyooma ni Eeggata ni kabaja ni
ulfeeffata.Woyyuu/woyyooma jechuun
Ummata oromoo biratti ulfina fi
kabajaa guddaa kan qabuudha.
Kanumaaf Oromoon waan jahan woyyuu
jedha.
Jahan woyyoomaa Kan
jedhaman:-
-
Waaqni woyyu
Kanumaaf Waaqni woyyuu nu wayyi jedhama -
Lafti woyyu
Kanumaaf Lafti wayyuu nu wayyi jedhama -
Qaalluun woyyu
Kanaaf Qaalluun wayyuu nu wayyi jedhama. - Soddaa fi soddaatiin woyyu
- Jaalaa fi Jaaltittiin woyyu
- Abbaa fi Haati woyyuu nu woyyi jedhan
Woyyoomni ummata oromoo biratti waa
jahan kana qofaa osoo hin
taane.hedduu dha fkn meeshaa kabajaa
ulfoo oromoo kan akka kallachaa
bokkuu , callee caaccuu siinqee
hororoo gaadii halangee kanumaaf
elmituu gaadiin woyyuu hayyichaa
halngeen ykn shabbeenni woyyuu
jedhamama
Barreessaan: ABDIISAA BAANCAA JAARRAA.
Maddi: Kan dubbisee fi Aadaa keessatti guddadherraa
Barreessaa Marsariitii Afaan Oromo Online
