AFOOLA OROMOO.
Afoolli bifa ‘liitireecharii’ ta’ee aadaa,
seenaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa dhaloota darbee
himaamsa
afaaniitiin gara dhaloota itti aanutti ykn dhaloota
dhufutti kan dabarsuudha.
Amaloota Afoolaa:
Afoolli: Gocha wajjiin kan walqabate.
*Yeroo baay’ee yaada ifa ta’e hubachuuf kan rakkisuu
miti.
*Afaaniin dhalootaa dhalootatti waan daddarbuuf
jijjiiramni yaadaa jiraachuu ni danda’a.
*yeroo baay’ee gumiidhaan dalagama.
*Yeroo baay’ee waan darbe irratti xiyyeeffata.
Afoolli jiruuf jireenya ilma namaa keessatti faayidaa
heddu qaba. Isaan keessaa muraasni:
#Afoolli ummata qubee mataasaa hin qabne seenaasaa
ittiin daddabarsuuf
#Barnootni afaaniffaan itti kennama
#Ittiin har’a galfachuu fi ittiin bashannanuuf.
#Amantii fi kabaja hawaasni tokko waan tokko irratti
qabu agarsiisuudhaaf.
#Afoolli yeroo hedduu barruudhaaf madda ta’uun ni
tajaajila.
AKAAKUU AFOOLAA
1. Hibboo
Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin
dhiyaata.
Yeroo baay’ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti
qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan
dubbatamu ykn taphatamu waan ta’eef gamtaadhaan
haala hoo’aan hordofama.Hirmaannaa cimaatu keessatti
godhama.
2. Mammaaksa
Mammaksis gosa afoolaa ta’ee yaada ykn dubbii dheeraa
hima gabaabaan mala kurfeessanii teessisaniidha.
Yeroo baay’ee iddoo jaarsoliin Oromoo dubbii
dubbatanitti mammaaksi iddoo guddaa qaba.
Haasawa tokko keessatti jechoota muraasaan yaada dheeraa
gadi fageenya qabu ibsuuf fakkii dubbii sanii
yaada bal’aa fi dheeraa ta’e gabaabsanii walitti qabuu
fi nama biraatiif dabarsuuf mammaaksi iddoo guddaa qaba.
3. Eebba Oromoo
Eebbi yaada hawwii gaarii akka qabeenya dagaagatan,
akka jireenya hawaasummaa jaalatamaa ta’an namni tokko
nama biraatiif hawwu ykn
waaqayyoon kadhachuufii jechuudha.Yeroo baay’ee akka
seera Oromootti eebbi Jaarsolii,
Manguddoo fi hangafoota ta’aniin gaggeeffama, Hangafni
Boorana waan ta’eef osoo booranni iddoo sana
jiru Oromoon biraa dursuu hin danda’u, haala kanaan
tartiba eeggatee wal affeeree ykn wal ofkolchee
waleebbisa Oromoon.
1. Hibboo
Hibboon akaakuu afoolaa ta’ee mala gaaffii fi deebiitiin
dhiyaata.
Yeroo baay’ee hibboon maatiiwwan warra tokkoo walitti
qabamanii bakka jiranitti galgala ykn
yeroo boqonnaa namootni hedduu walgahan ykn waarii kan
dubbatamu ykn taphatamu waan ta’eef gamtaadhaan
haala hoo’aan hordofama.Hirmaannaa cimaatu keessatti
godhama.
Jechama Afaan Oromoo
Guutummaasaa>>
Afoola Oromoo
Guutummaasaa>>
Eebba Oromoo
Guutummaasaa>>
Gorsa Jaalalaa Dubbisaa
Guutummaasaa>>
AFAAN OROMO - Oromo Language
Hiibboo Afaan Oromoo >>