****DUBARTOOTA GAA’ELA QABAN QOFAAF****
Walqunnaamtii Saalaatti Gammaduu Dadhabuu Dubartootaa.
(Female Orgasm Dysfunction)
Dubartiin tokko rakkoo armaan olii kana qabdi
jechuudhaaf:
Walqunnaamtii saalaa abbaa manaa ishee waliin raawwattutti
gammachuu kan hin qabnee fi fedhii saala abbaa manaa ishee
guutuuf qofa kan raawwattu yoo ta’edha.
Rakkoowwan kana kan fidan keessaa muraasni:
1. Rakkoo xiin-sammuu (psychiatric or psycosocial)
dudartiin sun qabdu kan akka raakkoo muuddama (stress)
humnaa’olii yeroo hedduu itti mullatu, ofitti amanamummaa
dhabuu fi kkf kan yaala addaa barbaadu.
2. Rakkoo waliin haasaa ykn walii galtee dhabuu abbaa
manaa fi haadha manaa waliinii (Heeruma fedhii malee, fi
kkf)
3. Dhiibbaa ykn rakkoo walqunnaamtii saalaan walqabatee
yeroo ijoollummaa irratti raawwatame, kan akka
dirqisiisanii gudeeduu fi kkf.
4. Dhukkuboota adda addaa kan waan kana fiduu danda’an
qabaachuu fakkeenyaaf dhukkuba sukkaaraa….
5. Yaalii garagaraa kan baqaqsanii yaaluu kan dhukkuba
biraaf godhame kan akka gadameessa muranii baasuu
(hysterectomy).
6. Kan rakkoo biraa tokko hin qabne garuu rakkoo
walqunnaamtii saalaatti gammaduu dadhabuu qofa qaban.
**** FURMAATA****
Rakkoon kun qorannoon biyya USA keessatti hojjetame tokko
akka jedhutti dubartoota 21% kan hubu yoo ta’u rakkoo
salphaa osoo hin taane kan yaala barbaadudha. Kanneen
armaa gadii akka furmaataatti kan taa’anidha.
1. Waldhabiinsa, miidhama duraanii, muddama jireenyaa fi
kkf namootni waan kana furuudhaaf leenji’an
(psychotherapist) waan jiraniif deemanii yaala ga’aa
argachuu.
2. Mana yaalaa deemanii dhukkuboota rakkoo kana fidan
irraa yaalamuu.
3. Yeroo walqunnaamtii saalaa raawwatan guutummaa
guutuutti yaada ofii walqunnaamtii saalaa irra gochuu fi
sosochii garaa garaa gochuu.
4. Kana hundaan illee yoo furmaanni jiraachuu baate
qorichoota anti depressant jedhaman ogeessa fayyaa sammuu
(Psychiatrist) irraa ajajchiifachuun illee ni
dandaa’ama.
*Fayyaan Faaya*
Horaa bulaa deebanaa