Afaan Oromoo Afaanota Gurguddoo Addunyaa 109 tti makamee tajaajila kennuu jalqabuuf Jechootni English Miliyoona 1 fi isaa ol Afaan Oromootti yoo hiikamaniidha. Kana milkeessuf Namni Jechaa fi Hima Afaan English gara Afaan oromootti hiikuu danda’u kamuu irratti hirmaachuu ni danda’a. kanaaf immoo dhaabbanni Google haala mijeessee jira.
Afaan Oromoo tarree Afaanota gurguddatanii hiriirsun hojii namoota muraasaa miti, ykn kan dhaabbata tokkoo miti. Dhimmichi Nama afaan kana haasayu hunda ilaallata. kanaafuu ni dandeenya yoo ta’e hiikkaa isaa irratti hirmaachuu, hin dandeenyu yoo ta’e kanneen hiikaman gulaaluu irratti hirmaachuu, kanaas hin dandeenyu yoo ta’e xiqqaatu waamicha akkanaa miidiyaalee hawaasa faayyadamnu irratti share taasisun nurra jiraata.
Hiikkaa Google Afaan Oromoo irratti hirmaachuuf:
Tartiibaa asii gadii hordofaa:
- Google Chrome seenaa
- Email (Gmail) keessaniin Login godhaa
- liinkii kana seenaa, https://translate.google.com/ liinkii kana seenuf filannoo hedduu gargaaramu dandeessu. Fkn, liinkima kana irratti cuqaasuu ykn asirraa laalun saanduqa search keessatti barreessuu.
- Contribute kan jedhu seenaa (suuraa asii gadii ilaalaa)

4. Setting > Languages > Gadi bu’aa
Oromo filadhaa
5. itti aansun Suuraa asii gadii qalbeeffadhaa

6. Bakka xiyyi agarsiisu ilaalun gara
English – Oromo tti jijjiiraa
7. Bakka halluu magarisaan haguugame yoo
tuqxan kanneen namootni biroo hiikan akka gulaaltaniif isin
gaafata. isin kan sirrii ta’ee LIKE kennituuf, kan sirrii
hin taane DISLIKE kennituuf. yoo hin beekne SKIP tuquun gara
itti aanutti dabartu.
8. Bakka halluu cuqulisaan haguugame yoo tuqxan Himoota Afaan English isiniif fidaa, gara Afaan Oromootti akka hiiktan isin ajaja. ni dandeessu yoo ta’e irratti hirmaachun gahee keessan bahattu.


Dabalata vidiyoo asii gadii ilaalun caalatti hubachuun ni danda’ama.
Hiikkaan Google Afaan Oromoo Faayidaa akkamii qaba? Faayidaan inni qabu hedduudha, isaan keessaa muraasa haa ilaalluu.
• Tarree Afaanota Gurguddoo Addunyaa taa’a.
• Afaan hojii Dhaabbilee Gudrguddoo Idil-Addunyaa tahuuf
carraa argata.
• Biyyoota hawaasni Afaan Oromoo dubbatu jiru hundattuu
salphatti ittiin-tajaajiluu fi tajaajilamuun hojiirra oola.
Akkasuma carraa hojii bal’aa uumufii danda’a.
• Tajaajilootaa fi Oomishaalee Adda addaa salphatti Afaan
Oromootiin akka oomishamaniifi raabsaman daandii saaqa.
• Afaan Oromoo Afaan Miidiyaaleen gurguddoon dhimma itti
bahan akka tahuuf shoora olaanaa taphata.
• Odeeffannoolee/Barreeffamoota Afaanota Gurguddoo kamiinuu
jiru namni barbaadu/hawaasni Afaan Oromoo dubbatu salphatti
Afaan Oromootti jijjiiratee dhimma itta baha, akkasumas,
barruulee/Odeeffannoolee Afaan Oromootiin bahan qaamni
barbaadu kamuu yeroo/biyya barbaadetti Afaan fedheetti
jijjiiratee dhimma itti-bahuuf gargaara.
• Marsaaleen hawaasaa gurguddoon yeroo ammaa Addunyaa ganda
tokko gochuuf hojjachaa jiran kan akka Feesbuukii,
Tiwiitaraa, Telegiraamaa, Instaagiraamaa, LinkidIin,
Yuutuubii, fi kkf..niif Afaanota hojii waan tahuuf Guddina
Afaanichaatiif shoora olaanaa kaawuu bira darbee Aadaa,
seenaa, duudhaa fi sirna Gadaa Oromoo bal’inaan ni
beeksisa.
• Afaan Oromoo hirmaannaa Qorannoo fi qo’annoo Idil-Addunyaa
tahan, akkasumas Guddina Saayinsii fi Tekinoolojii isa yeroo
ammaa addunyaa raasaa jiru keessatti hirmaachuuf carraa akka
argatu gochuudhaan, Hawaasichi Afaanicha dubbatus Jijjiirama
saffisaa Saayinsiif Tekinoolojiin Addunyaa uumaa jiru kana
keessatti akka hirmaatuufi irraa fayyadamu, akkasumas akka
waliin tarkaanfatu daandii kan saaquudha.
Walumatti yeroo takkaan Guddina Afaan Oromoo tarkaanfii
hedduu gara fuulduratti butuu fi kkf isaan muraasadha.
Maarree Hojii seena qabeessa guddina Afaan Oromoo tarkaanfii
10 ol fuulduratti tarkaanfachiisu kana Ati maal raawwatte?
Qooda maal fudhatte? Fira/Maatii/Hiriyoota kee Meeqatti
himte/affeerte?
#oroict.com
Shaalloo Godanaa ✅
Galata bara baraa qabdu seenaan isin hin dagatu. Ulfaadhaa
Jajabaadha oromo
Jajabaadha yaa oromo