JECHOOTA SAGALEE
Laafaa Jabaataa Laafaa Jabaataa
Badaa baddaa Bare barre
Madaa madda Qore qorre
Mure murre Bade badde
Caalaa callaa Hodhe hoddhe
Gubaa gubbaa Qoruu qorruu
Balaa ballaa Sodaa soddaa
Bule bulle Qixa qixxaa
Jala jallaa Qaruu qarruu
Gabatee gabbate gabbatte
Jijjiirama asiin olitti godhamurratti jijjiiramni gabaabinaa
fi dheerina sagalee jiraachuu ni mala.
Laafinaa fi jabina qubee dachaa
Laafinaa fi jabina qubee dacha’aa kan beeknuu fi fayyadamnu
karaa sadihiin
Isaanis:
A)Hima jechi sagalee dachaa qaburratti hundaayuun
Fakkeenya: Mucaan harma hodhe.(laafaa)
Obboo Dhaabaan kittaa hodhe. (jabaataa)
B) Seera jabinaa fi laafina sagalee hordofuun.
Akkuma gubbatti kaayame qubee dachaa keessaa isa duraa tokko
yoo goone ni laafa, yoo lama goonemmoo ni jabaata.
Isaanis Akkana:
ch-cch ,dh-ddh, ny-nny, ph-pph ,sh-ssh, ts-tts, zs-zzs
laafaa jabaataa
hodhe hoddhe
kophaa kopphaa
C. Jecha keessatti qubee dachaa jala sararuun.
Fkn: hodhe
Kophaa
Hima keessatti laafuu fi jabaachuun qubee dachaa seera
laafinaa fi jabina sagaleettis fayyadamuu baatu Oromoo
afaansaa beekutti hin ulfaatu. Haata’uutii namni afaan
Oromoo hin beekne barachuu yoo barbaade laafinaa fi jabini
qubee dachaa kun itti ulfaachuu ni danda’a. Erga Oromoon
afaansaatiin barachuu jalqabee laafinii fi jabini qubee
dachaa hima keessatti hubatama malee seera laafinaa fi
jabina sagalee hordofee hojiirran oolle. Kanaafuu laafinaa
fi jabina qubee dachaa martuu akka beeku seera laafinaa fi
jabina sagaleetti fayyadamuun filatamaa fakkaata.
Afaan Oromoo keessatti qubeewwan dachaa yoo sagaleeffaman
laafinaa fi jabinarratti amala gar-garaa qaban.
a) Qubeewwan dachaa yeroo hunda jabaatan.
CH(ch) fi NY(ny)
Fkn: billaacha, dachaa, machii, kichuu
Hachee, qoricha, bachoo, mucha, Cirracha, riqicha,
Qonyee, sanyii, ganyaa
b) Qubeewwan dachaa yeroo tokko laafanii yeroo kaan
jabaatan.
DH(dh) ,PH(ph) fi SH(sh
Laafaa jabataa Laafaa Jabaataa
Fkn: kophee kophaa mishaa asham!
Teepha qophii gashaa ishoo!
Qophii kuruphee tishoo ——–
Hidhii mudhii lashii hashu!
Hidhaa hadhaa tushaa ——-
suphe Suphee Loshaa ______
Kana mee himaan ilaalla.
a) Gurbaan kootii hodhe.(jabaataa)
Waatiin sa’a hodhe.(laafaa)
b) Lapheetu na dhukuba.(jabaataa)
Gurbaan kophee bite.(laafaa)
c) Inni mudhii qabatee dhaabbata.(jabaataa)
Farda hidhii qabee masake.(laafaa)
d) Soolaneen qophii gaarii goote.(jabaataa)
Imaltichi goree rooba qophate.(laafaa)
e) Heexoon ni hadhaaya.(jabaataa)
Muchaan dhadhaa nyaate.(laafaa)
f) Foon kophaan namaa hin alanchamu.(jabaataa)
Inni kophaa isaa deeme. (laafaa)
g) Hashu! Baga gammadde.(jabaataa)
Bishaan booruu nan obaasin.(laafaa)
h) Ashamaa! Oromoo.(jabaataa)
Meeshaa kiyya as kenni.(laafaa)
************************************
Jechoota afaan Oromoo keessatti jalqabarrattis ta’ee
dhumarratti sagaleen hin jabaatu. Dhumarratti kan jedhu utuu
dubbachiiftuun gabaabduus haa taatuu dheertuun hin
galin dubbifamaan dhumarratti lama wal faana hin dhufu
Sirrii miti sirrii dha
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
Bbaa abbaa
dda adda
keessatt keessatti
deess deesse
madd maddaa
Garuu dubbifamaan jalqabarrattis ta’ee dhumarratti utuu hin
jabaatin galuu ni danda’a.
Fkn: bishaan, aanan, ach, Bor, as, san
Dubbifamaan gosa gara garaa lamaan jalqabarrattis ta’ee
dhumarratti utuu dubbachiiftuun jidduu hin galin yookiin
dhumarratti dubbachiiftuu hin fudhatin wolitti aanee hin
galu.
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
Mna mana
Gnama ganama
Sgalee sagalee
Dme deeme
Kyaa keenyaa
Gmna gamna
Ard ardii
Fard farda
Morm morma
Gama birootiin jechoonni afaan Oromoo kamiiyyuu jiddu
isaaniitti dubbifamaa sadii hin fudhatan.
Sirrii miti Sirrii dha
Fkn:
Sirrii miti sirrii dha
harkka Harka
Gafarrsa gafarsa
Gamnna gamna
Qubee dubbifamaan gosa gara garaa jalqabarrattis ta’ee dhumarratti wolitti aanee dhufuu danda’u qubeewwan akka qubee tokkootti tajaajilan qubeewwan dhach’aa qofa.
*****************************************
5. IRRA BUTAA
Jechoota afaan Oromoo keessatti dubbifamaan gosa tokkoo
wolitti aanee yoo dhufe sagaleen sun akka jabaatu
laalleerra.Haata’uutii dubbifamaan gosa gara garaa utuu
dubbachiiftuun jidduu hin galin wolitti aanee yoo dhufe
sagalee
nuuf kenna. Sagaleen dubbifamaan gosa gara garaa utuu
dubbachiiftuun jidduusaanii hin galin wolitti aanee uumamu
kun IRRA BUTAA jedhama.
Fkn: jilba, farda, morma, arjaa, Arba, urjii,
Ilkee, milkii, sirna, murna, irga, galma,
Bultii, gilgaala, kortoo, sangaa, bultii, hirmii,
Kurkurtuu, marmaartoo
Gilgaala ( Shaakala) kudha-tokko
Jechoota sagalee irra butaa qaban kudhan barreessi.
1._____ 2.______ 3. _______4. _______ 5. _______
6. _____ 7._______ 8.______ 9. _______10. ______
**********************************
6. HUDHAA (‘)
Afaan Oromoo keessatti sagaleen uumamu danuu dha.Amala
sagaleen afaan Oromoo qabu keessaa inni biraa
hudhaa(‘ ) dha. Sagaleen hudhaa kan uumamu wonni tokko
ubbatamuuf jecha hafuurri somba keessaa bahuuf jedhee yoo
addan citu.
Fkn: re’ee, Qe’ee, sa’a, har’a, oo’e, a’e,
Eda’uu, hir’isuu, rarra’e, harca’e, hoo’e, ka’e,
qal’oo, kal’ee, faca’e, dhama’e, ji’a, mi’a
BAKKEEWWAN HUDHAAN GALU
a) Dubbachiiftuu gosa tokkoo jidduu:
Fkn: re’ee, qe’ee, sa’a, Ada’a …
b) Dubbifamaa fi dubbchiiftuu jidduu:
Fkn: har’a,hir’uu,bal’aa ,qal’aa , kal’ee, hir’isuu
c) Dubbachiiftuu gosa gara garaa jidduu :
Fkn: a’e ,hoo’e, oo’e ,taa’uu ,ida’uu ,ka’umsa
D) Dubbachiiftuu gosa tokkoo dhuma jechaa irratti sadi
ta’anii dhufan irratti
Fkn: sagalee’e gaaduu’u booruu’ u ballaa’a
Baatii’i gabatee’e laagaa’u laafaa’a
Buutii’i aadaa’a seenaa’ a xaa’oo’o
Haala isa dhumaa (d) tiin jechoota afaan Oromoo barreessuun
kitaabbilee muraasa keessatti malee hanga ammaa hojiirran
oolle. Namoonni irra caalaan hin beekan. Garuu sagaleen kun
haasawa keessatti ni dubbatama. Akkuma gubbatti fakkeennaan
kaayame sagaleen kun jechoota dhumasaanii irratti dheeratan
irratti uumama. Kun garuu kan ta’u jechicha kophaa isaatti
yoo yaamnu yookiin maqaa dhoofnu qofa. Gama biraatiin
fakkeennaaf waan nama tokkoo abbummaa isaa him’uuf /fknf yoo
abbaan nama woyii Guutamaa jedhamu ta’e/ “ka Guutam’aa”
jedhama. Jechoonni dhumarratti sagaleen isaanii dheeratu
hunduu akkasitti yaamamu. Yoo haasayamu dhumarratti hudhatu
mul’ata jechuu dha.
Hudhaan dubbifamaa gosa gara garaas haata’uu kan gosa tokkoo
lama jidduu fi dubbachiiftuu booda hin galu.
Sirrii miti sirrii dha
Fkn: bal’laa ballaa” =ballaadha
Jil’ba jilba’ =jabaadha
Hiri’suu hir’isuu’ =hir’isuudha
Daa’wii daaw’ii’ =daaw’iidha
· Kanaafuu sagaleen hudhaa jecha dhuma sagalee dheeraa
irratti dhufu mataa isaattuu xumurt’u /gochimt’u/ (verb)
yookiin xumurtuudha/ gochimtuudha.
· Hudhaan dhuma jechaa irratti galu sagalee ”dha” bakka
bu’a. Kanaafuu sagaleen hudhaa kun mataa isaatti xumurtuu
dha.
***********
Laafinaa fi jabina sagalee hudhaatiin uumamu kan
hubannu hima keessatti.
Fkn:
a) A’a! maaltu na woraane? (waan dimmaa ta’e).
A’a ! akka malee na dhukkubaara! (woyachuu).
b) Bishaan oo’e.( jabaataa)
Saan oo’e. (laafaa)
Haata’uutii waa’ee hudhaarratti ammas qu’annoo fi qorannoo
bal’atu barbaachisa.
Gilgaala(Shaakala) kudha-lama
Kanneen asiin gaditti argaman hudhaa (‘) bakka
barbaachisutti galchi.
1. Hiruu = ———-
2. Edaamaa = ——
3. jia = ————–
4. Saaaa = ———–
5. Ooaa = ——–
6. Saa=_______
7. Sagalee=_____
8. Ae =________
9. Cima=_______
10. Balaa=______
11.taauu=—-
12.ooe=——
13.aa!=——
14. Quate=—
15. Buuu=—–