A) SAGALEE DHEER’AA FI GABAABAA
DUBBACHIIFTUU
Gabaabduu’: A(a),E(e),I(i),O(o),U(u)
Dheertuu’: AA(aa),EE(ee),II(ii),OO(oo),UU(uu)
Hudhaa (’) :Hudhaan jecha tokko dubbachuuf hafuurri somba keessaa bahuuf dhufee yoo addaan citu sagalee uumamu. Afaan Oromoo keessatti dubbachiiftuun gabaabduus taatee dheertuun sagalee hudhaa bakka bu’uu hin dandeettu. Kanaafuu Hudhaan(‘) akka dubbachiiftuu takkaatti tajaajila; sagalee afaan Oromoo keessatti jechuu dha. Qubee afaan Oromoo keessatti sagalee ka gabaabsuu fi dheeressu dubbachiiftuu dha.Yoo dubbachiiftuun takka taatee kophaa isii jiraatte yookiin takka taatee dubbifamaa tokko bira galte sagaleen uumamu gabaabaa dha. Yoo dubbachiiftuun gosa tokkoo lama taatee wol faana yookiin dubbifamaa tokko bira galtemmoo sagaleen sun ni dheerata.
Chaartii( Gabatee) armaan gadii ka sagalee gabaabaa fi dheeraa haa ilaalluu.
a-aa e-ee i-ii o-oo u-u
ba-baa be-bee bi-bii bo-boo bu-buu
ca-caa ce-cee ci-cii co-coo cu-cuu
cha-chaa che-chee chi-chii cho-choo chu-chuu
da-daa de-dee di-dii do-doo du -duu
dha-dhaa dhe-dhee dhi-dhii dho-dhoo dhu-dhuu
fa-faa fe-fee fi-fii fo-foo fu-fuu
ga-gaa ge-gee gi-gii go-goo gu-guu
ha-haa he-hee hi-hii ho-hoo hu-huu
ja-jaa je-jee ji-jii jo-joo ju-juu
ka-kaa ke-kee ki-kii ko-koo ku-kuu
la-laa le-lee li-lii lo-loo lu-luu
ma-maa me-mee mi-mii mo-moo mu-muu
na- naa ne-nee ni-nii no-noo nu-nuu
nya-nyaa nye-nyee nyi-nyii nyo-nyoo nyu-nyuu
pa-paa pe-pee pi-pii po-poo pu-puu
pha-phaa phe-phee phi-phii pho-phoo phu-huu
qa-qaa qe-qee qi-qii qo-qoo qu-quu
ra-raa re-ree ri-rii ro-roo ru-ruu
sa-saa se-see si-sii so-soo su-suu
sha-shaa she-shee shi-shii sho-shoo shu-shuu
ta-taa te-tee ti-tii to-too tu-tuu
tsa-tsaa tse-tsee tsi-tsii tso-tsoo tsu-tsuu
va-vaa ve-vee vi-vii vo-voo vu-vuu
wa-waa we-wee wi-wii wo-woo wu-wuu
xa-xaa xe-xee xi-xii xo-xoo xu-xuu
ya-yaa ye-yee yi-yii yo-yoo yu-yuu
za-zaa ze-zee zi-zii zo-zoo zu-zuu
zsa-zsaa zse-zsee zsi-zsii zso-zsoo zsu-zsuu
Hubachiisa-1ffaa: Dubbachiiftuun takka kophattis ta’ee
dubbifamaa woliin dheerattees ta’ee gabaabbattee sagalee
uumuu ni dandeessi.
Fkn:
“a”__dubbachiiftuu gabaabduu kophaa isii.
“moo”__dubbachiiftuu dheertuu dubbifamaa woliin.
“ee”__dubbachiiftuu dheertuu kophaa isii.
“chii”__dubbachiiftuu dheertuu dubbifamaa woliin.
Hubachiisa 2ffaa: Dubbachiiftuun kophaa isaaniitti sagalee
qabachuu irrallee afaan Oromoo keessatti matama isaaniitti
jechallee yeroo ta’antu jira.
Fkn: a! _ cal jedhaa!, usaa! Hin dubbatinaa…
Ee…_ sirrii dha!, tole!
U! _ cinqaa keessa jiraachuu, gadda…
uu..!_ birmannaa gaafachuu
oo!_ raajeffachuu, awwaachuu.
********************
SEEROTA JECHOOTA SAGALEE AFAAN OROMOO
Afaan Oromoo barreessanii dubbisuuf seerota heddu kanneen
sagalee gara garaa uumantu jiru; Isaanille
1. Jechoota sagalee gabaabaa
2. Jechoota sagalee dheeraa
3. Jechoota sagalee laafaa
4. Jechoota sagalee jab’aa
5. Irra butaa
6. Hudhaa (‘)
1. Jechoota Sagalee gabaabaa
Mana, lola, ana, luka, ona, hodhe, mucha, qophe, Shame,
tika, olola, gulufa, dhara, uñate, barana, malate, cabaqa,
loqoda, ala, Lolate, dabalate, jibicha, qolate, kutate,
laga, lafa, gama, muka, bona, Buna, muka, gita, dhara, gosa,
Qola, mala, bira, qara, qora, bahe, Gulufa, olola, barana,
murate, riqicha, Ragada, ganama, lolate, qolate, Marata,
gamana, rukute, barate, Loqoda, cabaqa, simate, labata
Worra sagalee wol-makaa qaban(2).
Kanneen bakka tokkotti gabaabbatanii bakka biraatti ammoo
dheerata.
A) Warra gama duraatii gabaabbatanii gama boodaatii
dheeratan.
Cimaa, qoree, citaa, mishaa, soruu, maruu, hatuu, mamii,
badaa, samii, odaa, hamii, qomoo, qaluu, dhuguu, qaluu,
maluu, diduu, sobuu, qaroo, qoruu, badii, qoruu, moluu,
galii, gadoo, maroo, hiree
Gilgaala (Shaakala) sadi
Jechoota armaan olii fakkeenya godhadhuu jechoota kud haan
barreessi.
1——–
2.——-
3.——–
4.——–
5.——–
6.——–
7.——–
8.——-
9.——-
10.——-
B) Jechoota gama duraatiin dheeratanii gama boodaan
gabaabbatan.
Booda, qaama, suufe, soore, Dhiira, gaara, oota, coore,
Miira, ciise, maala, fiige, Gaala, nyaate, gaade, Boora,
oode, roobe, qooda, iida, Sooma, dhuufe, soore, miishe,
Daare, aade, caame, saame, Aare, tuule, eele, fiile, miishe,
boore, reebe
Gilgaala (Shaakala) afur
Jechoota akka armaan olii kudhan barreessi.
1.——-
2.——-
3.——–
4.——–
5.———-
6.——–
7.——-
8.——–
9.——–
10.——–
Gilgaala (Shaakala) shan
Fakkeenya armaan oliitiirratti hundaayii jechoota jaha
barreessi.
1.——– 2.———– 3.———–
4.———– 5.———— 6.———–
C) Jechoota gama duraatiin dheeratanii jidduu fi boodaan
gabaabbtan.
Fiigicha, goofata, sooruma, goolama,
Boorana, goobana, haalama, hoolota,
Laaqana, saamicha, xuuxame, saamame,
Booraye, diigame, qaamaye, diirama,
Gilgaala(Shaakala) jaha
Fakkeenya asiin oliitiin jechoota biro jaha katabi.
1.———- 2.————– 3.—————-
4.———– 5.————– 6.—————-
dheeratan
D) Jechoota gama duraa fi boodaan gabaabbatanii jiddutti
dheeratan..
Sibiila, bareeda, maraate, sakaale,
Taliila, abaare, areeda, magaala,
Galaana, qaroome, sodaate, madaala,
Gilgaala (Shaakala) torba
Fakkeenya asiin oliitiin jechoota biroo jaha katabi.
1.————- 2.—————- 3.—————
4.————–5.——————6.—————
E) Jechoota gama duraa fi jidduun gabaabbatanii gama
boodaatiin dheeratan.
Sagalee, simachuu, badaduu, soorachuu,
Murataa, kadhachuu, maratuu, osolee
Qolatuu, qamalee, qamadii, bosonuu,
Gilgaala (Shaakala) saddeet
Fakkeenya jechoota armaan olii irratti hundaayii jechoota
biroo jaha barreessi.
1.————– 2.—————- 3.—————–
4.————— 5.—————- 6.—————–
E) Jechoota gama duraatiin gabaabbatanii jidduu fi boodaan dheeratan.
Boraatii, magaalaa, maraatuu, haleeluu,
Daraaraa, utaaluu, kajeeluu, Alaabaa,
Xuraawaa, bariisaa, ariitii, gidaamii,
Gilgaala(Shaakala) sagal
Fakkeenya kanaan jechoota biraa jaha barreessi.
1.————– 2.————– 3.——————
4.————– 5.————– 6.——————
G) Jechoota duraa fi boodaan dheeratanii jiddutti gabaabbatan.
Boorataa, soolanee, qaariboo, qeebaluu,
Baadiyaa, saamunaa, daarimuu, daafamaa,
Gilgaala(Shaakala) kudhan
Fakkeenya kanaan jechoota biro jaha barreessi.
1.————– 2.————- 3.————–
4.————– 5.————– 6.————–
Hanga ammaatti ilaalaa kan turre jechoota sagalee gabaabaa
fi dheeraa ti.
Wolumaa galatti qubee afaan Oromoo keessatti sagalee kan
dheeressuu fi gabaabsu DUBBACHIIFTUU dha. Hudhaan ammoo akka
dubbachiiftuu takkaatti kan tajaajilu ta’us sagalee
dheeressuu fi gabaabsuu keessatti qooda hin qabu.
Dubbachiiftuun sagalee dheeressuuf inni gosa tokko lamaa ol
ta’ee wol faana hin dhufu.Akkas taanaan dubbachiiftuu
yookiin hudhaan jidduu jiraachuu qaba. Kana seera hudhaa
keessatti ilaalla.
3. Jechoota Sagalee Laafaa: Amalli sagaleen
afaan Oromoo qabu inni biraa ammoo laafuu fi jabaachuu
sagalee jechoota keessa jiraniiti. Sagalee afaan Oromoo
Keessatti sagalee kan laaffisuu fi jabeessu DUBBIFAMAA
dha.
Hubachiisa: Waa’ee jechoota sagalee gabaabaa fi dhreeraa
hubachuuf akka nu gargaaru bakka takkatti wal faana ilaalla.
SAGALEE
Laafaa Jabaataa Laafaa jabaataa
-b- -bb- -ph – – pph –
-c- -cc- -q- -qq-
-ch- -chh- -r- -rr-
-d- -dd -s- -ss-
-dh- -ddh- -sh- -ssh-
-f- -ff- -t- -tt-
-g- -gg -ts- -tts-
-h- -hh- -v- -vv-
-j- -jj- -w- -w w-
-l- -ll- -x- -xx-
-k- -kk- -y- -yy-
-m- -mm -z -zz-
-n- -nn – zs- -zzs-
-ny- -nny-
-p- -pp-
Yoo dubbifamaan tokko ta’ee dubbachiiftuu gabaabduu yookiin
dheertuu bira gale sagaleen sun ni laafa. Yoo dubbifaan gosa
tokkoo lama wol faana dubbachiiftuu gabaabduu yookiin
dheertuu bira gale sagaleen sun ni jabaata.
Mee amma sagalee laafaa fi jabaataa jechoota keessatti haa
ilaalluu.
***************************