Seenaa Jireenyaa Gabaabaa Muummee Ministeera Dr.Abiy
Ahimad Alii
*****************************************************************
Dr.ABIYI AHIMAD ALII Eebla 15 bara 1968 A.L.I’tti Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti kan dhalatan yeroo tahuu,barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa isaanii achuma Godina Jimmaa magaalaa Aggaaroo fi Jimmaatti barataniiru.
Bara 1984 irraa eegalee gara qabsoo DHDUOtti makamuus
danda’anii jiru.Qopha’ummaa barnoota isaanii ilaalchiisee
bara 2001’tti Diigrii jalqabaa isaanii “Computer Engineering”
dhaan Microlink information technology college, Finfinnee
irraaargatani jiru.Itti ansuunis,
Maasteersii isaanii bara 2005 gosa barnootaa Koompitaraa
“Cryptology” jedhamun, Mashihe Dynamics
Cipher-ED Pretoria South Africa irraa fudhataniijiru.
Bara 2003tti immoo gosa barnootaa“Transformational Leadership and Change”
jedhamun,Greenwich University, London in collaboration
with International Leadership Institute Addis
Ababa,Ethiopia Irraa argatanii jiru. Itti aansuunis
bara
2005’tti MBA,gosa barnootaa “Master of Business Administration” maastersii isaanii biroo Yuunivarsiitii,Ashland Lead
star irraa argatani jiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti
“Institute
for. peace and securitystudies” keessatti PHD (Diigrii saddaffaa) isaanii gosa barnoota “peace and security studies” jedhamuun Doktereetii isaaniifudhatanii jiru.
Muuxannoo hojii isaani ilaalchiisee:-
-
Gama Ittii gaafatamummaa dhaabaatiin hundeeffama
dhaabichaa irraa eegalee dhaaba keessa kan turanii fi
yemmuu hundeessitoonni dhaabiicha garee lamattii (garee
bulchiinsa siyaasaa fi garee humna ittiisaatti) yeroo
qoodamanittii garee
raayyaa waraanaa tahuun dhaabichaa
tajaajilaa kanturan - Dr.Abiy,yeroo miseensa raayyaa waraanaaturanittiis gulantaa Leetenaal Koloneelii argatanii jiru.
- Akkasumas yeroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani (UN)’tti miseensa humna nagaa mirkanneessaa (UNAMIR), tahuun Kigali Ruwandaatti filatamanii tajaajilaa turanii jiru.
- Bara 2002 irraa eegalee hanga ammaattii miseensa koree giddu galleessa Dh.D.U.O. tahuun tajaajilaa kan jiran Dr.AbiyiAhimad,
- Bara 2007 irraa eegalee immoo koree hojiiraawwachiiftuu Dh.D.U.O.tahuun tajaajiluu irrattii argamu.
- Akkasumaas bara 2005 irraa eegalee hanga ammaatti miseensa koree hojii raawwachiiftuu ADWUI (Addaa Dimookraatawaa Waraaqsa Ummatoota Itoophiyaa) tahuuntajaajiiluu irratti argamu.
- Gama mootummaatiin sadarkaalee adda addaatti ittii gaafatamummaa garagaraatiin kan hojjatanii fi hojjachaa jiran yeroo tahuu,
-
Bara 2002 irraa eegalee ummata Godina Jimmaa Magaalaa
Aggaaroo Bakka Bu’uun Miseensa manamarii bakka bu’oota
ummataa tahuun filatamuun biyyaa fi ummata isaanii
tajaajilaa kan turani Dr.Abiyi,Ittii gaafatamummaa
mootummaa fi dhaaba isaanitiin itti keennamee ga’uumsaa
fi qulqulliinaan raawwachaa yerooturan keessatti kabajaa
fi jaalallii isaan hojiif qabanu,akkasumas
hirmaachisumman isaan hojii keessatti
qabanu jalleewwaan qabsoo isaanii kan ragaa bahaniif akkuma jiruuttitahee,hundaa ol hojiin idilee isaanii kan ragaa bahuufii dha. - Bara 2000 hanga bara 2002’tti miseensa boordii dhaabbata Raadiyoo fi televizhiinii Itoophiyaa (ERTA) tahuuniis tajaajilanii jiru.
- Bara 2001-2002’tti miseensa boordii Koorporeshiinii Telekomnikeeshiini Itoophiyaa (ETC) tahuun hojjatanii jiru.
-
Bara 2000 -2002’tti sadarka maanajarummaatiin Ethiopia
Media and Expansion (Broadcastii TV fi Raadiyoo)
,National Electronics Id System, Computer Based Data
Communication System’dhaan dhaabbilee gara garaa keessaa
fi Automation of Banking
System in Ethiopia keessatti maanaajara tahuun kan tajaajilan yeroo tahu. - Bara 2007 irraa eegalee walittii qabaa boordii interpiraayizii daandii saffiinaa, akkasumas baruma kanattii walittii qabaa boordii waldaa hojiilee ijaarsaa, dizaayinii fi supparviizhiinii Itoophiyaa tahuun tajaajilanii jiru.
- Bara 1999 irraa hanga 2002 tti hundeessaa fi Daayreektara INSA (Information Network Security Agency) tahuun kan tajaajilan yeroo tahuu,
-
Bara 2005 irraa eegalee immoo Dayreektara Giddugala
Odeeffannoo Saayinsii fi Teeknoloojii
Biyyoleessaa(National Science and Technology
InformationCenter) tahuun
tajaajilanii jiru. - Bara 2007’tti Ministira Ministeera Saayiinsii fi Teeknooloojii Biyyooleessaa tahuun kan hojjatan yeroo tahuu,
- Bara 2008irraa eegalee hanga xumura bara 2009’tti Sadarkaa Ittii Aanaa Pirazidaantiitti Hoggaanaa Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa tahuun tajaajilaa kan turanii fi
- Jalqaba Fulbaana bara 2010 irraa eegalee hanga ammaatti Sadarkaa Ittii Aanaa Pirazidaantitti hogganaa Waaj/Dh.D.U.O. giddugaleessaa tahuun tajaajiluu irratti argamu.
- Dr.Abiy yeroo ammaa Muummee Ministeeraafi Ajajaa Waliigala Waraana Itoophiyaati.
Muummeen Ministeeraa Dr.Abiy bu’aa ba’ii yeroo dheeraafi jabinaafi Muraannoodhaan hojiin hojjate firee godhatee Muummee Ministeera Itoophiyaa kan dhalootaa ilma Oromoo Oromoof qabsaayee aangoo qabate tahee muudame.
Kanatti dabalataan Dr.Abiyi yeroo sababa amantaan walittii
bu’iinsa hawaasa godina Jiimmaa gidduutti uumamee ture
dhaabbilee amantaa fi jaarsoolii biyyaa waliin
tahuunrakkicha bu’ura irraa hiikuun hawaasni godina Jimmaa
akkuma durii garaagarummaa ilaalcha amantii tokkoo malee
tokkummaa fi jaalalaan waliin jiraachuu isaanii akka ittii
fuufsifatan taasiisuu keessattii carraaqqii Jaallee Abiyi
Ahimad taasiisaniif
Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiiya
badhaasa
“Ambaasaadara Nageenyaa” jedhuu laateefi
jira.
Walumaagalattii muuxxannoo ol’aanaa
beekumsa guutuun deeggarame kana qabatanii hiriira
waraaqsa diinagdee Oromoof mootora tahun,dargaggoota
Oromoo toora sirrii
tahe irrattii hiriirsuun mootummaa,ummataa baldhaa
Oromoofi dhaaba walittii qindeessuun jaalleewwan qabsoo
sirrii biroo waliin tahuun injiffannoo ol’aanaa galmeessuu
irratti kan argaman qabsa’aa sirrii yeroo murteessaatti
Ummanni Oromoo argate keessa isa ijoo fi ol’aanaa dha.
Dr.Abiyi Ahimad Aliif Umrii Dheeraa Hawwiineerra!
Carraaqqii keetiif galata guddaa nubiraa qabda.Kitaaba “Burqaa Zimmitaa” jedhu kana osoo hanga damda’ame gara Afaan oromootti nuuf hiikamee