Seenaa Jaalalaa - Oroliyaanaa Daani’eeliitiin
Eessaa akkan siif jalqabu ana rakkisa; Addunyaa kana irratti
namni jaalalaaf jedhee murtoo murteesseen jaalala dhugaa
dhabe ana tahuu hin oluu jedhen shakka. Leemmanee koo,
jaalladhe akkan si hin dhabne beekta; garuu sii hubachuu
dhiisuu kootu kana na godhe. Humna ol si jaallachuu kootu
kana natti fide. Ati anaaf, qulqulluu akka bishaan talilaa
turte; dhimbiibamtuu! Ani garuu, waanan si jaalladhuufan sin
amanu ture. Waan ati keessa kee jaalalaaf jettee na
dhokfattu natti fakkaata ture. Bareedduu koo, maal taha
yeroo sana osoon jireenya keenya amane ta’ee, jaalalan sii
jaalladhu sana keessa osoon jiraadhe ta’ee? Ani Digiriin
eebbifameen magaalaa keessan keessatti qacaramee osoon
hojjedhuun si bare. Ati immoo yeros, barattuu kutaa kudha
tokkoo turte. Anaafi atis yeros wal barre.
Leemmoo koo, ati Namummaa koo jaallatte malee, homaa tokko
akka ati anarra hin feene sirrittan beeka. Ta’us garuu
jaalala kee shakkuu dhiisee hin beeku. Sababnisaa yeroo
hiriyoonni kee si biraa cululuqanii, dhagaa cululuqaa
(sirraammoo) fakkaatanii deeman, an baay’een siif isaanitti
inaafa. Torban torbaniin rifeensa hojjechifatanii, urgoftuu
jabanaa gosa garaagaraa ofitti dibanii, akka
#’Kiliyoopatraa’ giiftii warra Gibxii durii sana qaama
ittiin dhiqatanii firiqisaa yeroosaan sii walin yaa’an, an
iddoo keen inaafa. Ofiikoonin ofitti gunguma “carraa
maaliitu anatti ishee qabeen” jedha. Ofiif si barbaadaan,
waan si barbaachisu keessa of barbaada. Leemmoo koo, siif
bareedinni bareedina uumaa akka ta’e bareecheen beeka’
Hiriyoota kee akka nama beeksisa Koosmotikisii hojjetuutti
guyyaa guyyaatti urgoftuu ofitti firfirsan sana caalaa
bareedduu akka ati taate sirriittan beeka. Anatti qofaa osoo
hin taane eenyuttiyyuu dhugaan kun fagootti ifee mul’atta.
bilchinni yaada keetii umurii kee ol tahuu jechoota afaan
nama qaheelaarra ba’an kan ati yeroo mara dubbattu sanarraa
dhugeeffadheera. Ati anaan ana caalaa beekta. Ana caalaa
naaf yaadda; hiriiyonni kee, akka uffata guyyaa guyyaan
gegedderan sanaatti, yeroosaan jaalallee jijijjiranii
bashannanii, waan fedhan akka fedhanitti yeroo argatan sana
garuu, anaan “qalbiin koo yoom isheef akkas goota?” jedhe na
ceephaa. Ceepha’ees nan dhiisu; naaf ta’uu kee akkan shakku
na godha. Leemmookoo, ni beekta mindaa koo! Maqaafaan
digiriidhaan eebbifamee muuxannoo qabadhee mana mootumma
keessa gosophaa’a oola malee waanan buufadhe tokkoyyuu hin
jiru. Isayyuu kan na biraa hojii dhabes kumaatama. Miindaa
koo keessaa harkaa 30-40 qofaan fudhadha malee, inni kaan
deebi’ee bakka isatti gala. Gaaf gaaf yeroon yaadu, biyya
kana anaaf warrota ana fakkaatan qofatu, dijiitii
guddinashee kudha tokkoon (11) fiigsisa. Kudha tokkoottis
fiigsisa, jedheen yaada. Sababnisaammoo, Abbootii taayitaaf
kan barcumaa nutu kaffala. Durgoon isaanii miinda keenya
irraa dhibbantaan cita. Murtii dabaa akka isaan natti
murteessanifan leenjiif walgahii garaagaraatti narraa isa
citeenan isaan erga. Xumuramuu baatus, isa ‘#Abbaayiin‘ ittiin hidhsmaa jirus,dhibbantaan miindaakoorraa
kutu. Sababoota kana da’eeffadheen guyya tokko kophee tokko
illee siif bitee hin beeku. Waan xixinnoo shamarraniif
barbaachisan illee sii guutuuf yeroon yaalu, akkaataa ati
itti ana amansiiftee ana dhorkitu sana amma yeroon yaadadhu
baayyee na dinqa “ ammati miindaan kee kun mindaa ta’ee
jennaanii, kan ati anaaf dhiphattu? Dhiisi anaaf yaadikee
inni qulqulluun sun qoftuu naa gaha” jettee morma koo jala
“xambas” gootee na dhungatta. Silaa akkan
dhungannaa keen addunyaa kana irraa godaanu beekta.
“Kaaffee tokko teenyee haasofna!” yoon siin
jedhe illee akka nama wayitti haajamee, “lakki hin
ta’u; daandiirra deemaa haasofna; qillensa kana fudhachaa
jaalala keenya haaressina” jettee harka kee harka koo
keessa galchitee, akka misirroowwaniitti karaa Asfaaltii
dheera sana irra na fudhattee imalta. sagalee kee keessaa
muuziqaa malee gurra nama qirqidu sanaan “Boonaa koo kan
kaaffee hin teenyeef waan biraaf sitti hin fakkaatin, akkas
akka garaa koo sii waalin tahuuf jedheni malee” jettee dubbi
gara dabrsita. …ati garuu baasii irraa ana baraaruuf
akkas goota turte (ogeettiikoo).
Ani immoo egaa yeros yeroon haalotakee isa reef natti argamu
kana ilaalu, utuman si jaalladhuun, si amanuu dadhaba.
Xiinsammun kee, akka biyyaa siif ta’uu dadhabuukoof waan
midhamuu natti fakkateen yaadda’a. Sammuu kootu, “jaalallee
keetiim isheen. Isheen afaanii baaftee yoo “kana naaf
godhi” jettee sii gaafachu didde, humnaan hin gootuufi
ati rakkataa wayii!” nan jedhee na himata.
Leemmoo koo, Sii caalaa xinsammu koon geggeeffameen, si
dhiisee biyya Ambaa deemee hojjechuf murtesse. Byya koo
keessatti baradhee ergaan gatii dhamaatii koo hin argannee
ta’ee jedheen biyya faranjiitti namaaf garba tahuuf
murtesse. Jaalala keenya waggaa tokko karraatti kuteen si
biraa godaane. Yoon sitti hime ana dhorkita jedhee waanan
yaadda’eef dhaamsa siif kaaheen, qarshii muraasa kadhaa
karaa hin caalleen argadheen biyya ba’e. (silaa namni biyya
ofii keessatti hojjedhu naman jedhee maallaqa nama hin
gargaarre, biyyaa sii baasuuf hin dhabu)
Tahuus egaa carraa ta’ee biyyi Ambaas akkan yaadetti naaf
hin taane. Jireenyi gingilchaatti bishaan warabuu natti
tahe. Ittan naqa naaf hin guutu; yaaliin achi taa’e si
argachuuf godhes tasa naaf hin milkoofne. Ati edaa biyyaa
bahuu koon onneen kee cabee, sammuun kee miidhamee qormata
biyyaleessa kutaa kudha lamaa kuftee akka heerumte kanan
dhagahe ergan waggaa booda biyyatti deebi’e ture.
Qaamaan miti, bilbilaan illee si arguuf yaalin godhe homaa
naaf hin milkoofne. Lemmanee koo, yeroo mara qalbiin koo si
bira jira. Kanan deeme jaalalaaf ture. Borii keenya
fooyyessuuf, of jijjiruuf, humna ol si jaallachuun koo akkan
keessa kee hin amanne na taasisuun, na jalaa midhamta na
yaachisee goddannisa barabaraa jireenya kee irratti
chaappesse. Maallaqaanin jaalala keenya jabeessa jedheen
akka lafaa kahuu hin dandeenyetti unkuttesseen onnee kee
dhiiga qulqulluu qofa hin raabsine, isa jaalala qulqulluus
dhiigatti dabalee facaasu sana magalaa volkaanoon dhaane
godhe.
Dur yeroo ana hammattu qaamni kee natti rigate sun akka
haqata Xirinyii natti urgaa’ee nagaa ana dhoowwata. Hidhiin
kee an gurshadhe sun, hidhii koo irratti hafee yeroo maran
dhandhama. Gartokkeen qaama kee ana bira jiru, yoomuu akka
nagaa anaaf hin keennines nan amana.
Silaas, anatoo jaalalaaf jedhee si Miidhehooti, atii
giiftiin jaalalaa, kan yeroo mara jaalala faacaftu, akka
taates bareeche beeka. Ammas kan kanaan duraa caalaa,
beekuurra darbee nan amana; jiruu gaarii jiraadhu Leemmanee
koo.
.
Sin jaalladha.
.
Yaa dubbiftoota Jaalalaan jaamtanii Onnee nama Jaallattanii
dubbisuu dhiisuu isin yaa baraaru, Jaalalli wal hubachuudha.
heddu nama barsisa galatoma!