Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo:
Dr. Abdulsamad Muhammed | Waxabajjii 17, 2013
Seera afaan isaaniitiin afaan Oromoo barreessuu yaalan.
Rakkoolee gararreetti gara dheerina, gabaabina, laafina fi
jabeenya sagalee jennee ibsine sun qaban.
[sagalee takka qubee adda addaa tin bakka buusuu fkf ny
—> gn, …]
Kan itti aanu tattaaffii Lola Addunyaa kan Lammaffaa
keessa taateedha. Kuni
gadaa qubee afaan Oromootiif aduun baate,
gadaa qormaata karaa saayinsii afaaniitiin maalummaan
afaan kanaa sirnaan itti hubatame jechuu ni dandeenya.
Tattaaffii ogeessa saayinsii afaanii
Martin Moreno warra biyya Xaliyaaniitiin
godhameedha.
Kitaaba isaa kan mataduree
“Gramatica della Lingua Galla” jechuudhaan
moggaasees bara 1939 keessa maxxansiise.
Nama yeroo duraatiif
xiinsaga (phonology), xiin-unkaa (morphology) fi
walfaanoommii
jechootaa sirritti hubate waan
taheef gadaa sanaan “Gadaa Moreno” jedhee yoon
moggaase dogongora hintahu.
Qubee MARTIN MORENO
A B C Č
D Ḑ0 E F
G H I
J K L M
N Ñ O H
Q R S
Ṧ T Ṭ U
W Y Z
Lola addunyaa kan lammaffaa booda haala ilmaan biyyaa
barnootaaf gara biyya alaa itti imalaniitu dhalate.
Akkaataa biyyaa itti bahaniin immoo,murnoota lamatti
qodaman. Murni tokko warra hiree barnootaa bifa
qaari’aatiin (scholarship) ykn m
otummaadhaan ergamanii biyya alaatti deemani. Jarri kuni
warra barnoota sadarkaa lammaffaa biyya eessatti fixatanii
digrii duraatiif alatti imalan ykn
kanneen digrii duraa qaata biyya keessatti univarsitiirraa
eebbifamanii digrii Maastersiitiif ykn Doktaraatiif deeman
of keessaa qaba.
Isaan kuni biyya itti deeman, universitii itti baratan,
maal akka baratan, yeroo hammam keessatti barnoota san
akka xumuran,
maallaqa ittiin jiraataniifi meeqa akka argatan beekaniiti
xayyaaraanaan gara biyya itti baratan sanitti imalan.
Jarri kun yeroo baay’ee gara biyyoota Awuroopaa ykn gara
Ameerikaati deemu.
Garri caalu, Ilmaan Amaaraa haa tahan malee, ilmaan
sabootaafi sablammiilee birootis hammi tokko ni jiran.
Barattoonni hiree tana argatanii barnootaaf gara Awuroopaa
deeman barnoota qofa osoo hinta’in kaka’umsa siyaasaatis
ni horatan.
Siyaasaa gara bitaatti conqoltutti waan amananiif
bitaaleeyyii yaada maarkisistii ykn sooshalistiitiin
masakamuufi biyyaas ittiin masakuu kajeelan.
Isaan kuni, dura Waldaya Barattoota Itophiyaa kan
Awuroopaa jedhamuun beekkamu ijaarratan.
Ilmaan Oromoo miseensoota waldaa kanaa tahan keessaa,
kanneen Afaan Oromoo gara afaan barruutitti akka
tarkaanfatu hawwaniifi
hawwii sanas dhugoomsuuf hojii nama boonsitu hojjataniifi
seenaanis dagachuu hinqabneetu jira.
Isaan kuniis
Haylee Fidaatiifi Abdullaahi Yuusuf turan.
Lameen keessaa Qubeefi bara kufiinsa
Haylesillaasee booda kan qooda guddaa qabu
Haylee Fidaati.
Qubee Martin Moreno fudhatanii jijjiirama xiqqaa itti
gochuudhaan ittiin barreessuu jalqaban.
Qubeen isaaniitiis kunoo tana. Qubeefi seera Martin Moreno
lafa kaayetti jijjiirama xiqqaa itti godhaniiti kunoo
qubee kanatti aantuun as bahan:
A B C Č
D Ḑ E F
G H I J
K L M N
Ñ O H Q
R S ṧ
T Ṭ U
W Y Z
Warri Awuroopaa kuni garuu, waa lama dagatan.
Laageen (’) tan namni garii hudhaa ykn hamzaa
jedhuun phoneme (dhamsaga) of dandeesse tahuu dagataniiti
keessaa hanqisan.
Qabxiin lammaffaan Qubee tanaan biyyatti galanii ittiinis
barreessuuf hiree yoo argatan makiinaan barruutiifi manni
maxxansaa kanaaf qophaawan jiraachuu dhabuudha dagatan.
Akkasiinuu qubee tana lafa hinkeenye. Bara
1973-1974 keessa kitaabban lama biyya Jarmanitti
maxansiisan.
Matadureen kitaabban lameenii: tokko
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo kan jedhu yoo ta’u
kaan immoo Bara Birraan Barihe jedha.
Kitaabni duraa, akkuma maqaan isaatuu himutti kitaaba
seera afaaniiti. Seera afaanii kan bu’uraa bifa
gabaabaadhaan dhiheessa.
Kitaaba kana qopheessuurratti maqaan baay’ee dhawamu
Haylee Fidaa haatahu malee, jarri kaanis qooda ni
qaban.
Kan Bara Birraan Barihe jedhu immoo, roorroo sirni
nafxanyaa ummatarraan gayu bifa diraamaatiin dhiheessa.
Kitaabban lameen kunneen jabeenya fi laafina, dheerina fi
gabaabina sagaleelee Afaan Oromoo yeroo duraatiif sirritti
adda baasanii mul’isan waan tahaniif
seenaa barreeffama Afaan Oromoo keessatti bakka guddaadha
qaban. Jarri kitaabban kana qopheesse kuni kufiinsa
mootummaa Haylesillaasee booda,
dhaaba siyaasaa “MEISON” jedhu moggaafatanii gara
biyyaa deebi’an. Maqaan “MEISON” Kottoonfii maqaa
Afaan Amaaraatiin dhaaba saaniitiif moggaafataniiti
(“Mellaa Itiyoophiyaa Soshalist Niqinnaaqee”) Afaan
Oromootti (Sochii Soshalistii Idil Tophiyaa) jechuudha.
Yoos sochiin ABO tiis qaata jalqabde. Hoggansa
Jaarraa Abbaagadaatiin [Elemo?] qabsoon hidhannoo
dhandhaaramte.
Waraanni ijaaramuus barnoota siyaasaa, leenjii lolaatiifi
barnoota qalamaa akka argatu, barnoonni kuniis afaan
Oromootiin akka kennamu murteeffame.
Kanaafuu, Qubee warri MEISON fide guutumatti fudhatan.
Makiinaa Barruutiin barreessuuf immoo, makiinaaleen qubee
tanaaf qoramanii tolfaman hinjiran.
Makiinaan jirtu tanuma afaan Ingiliizii qofa. Konkolaataan
Afaan Ingiliizii Qubee Haylee Fidaa ittiin
barreessuuf hinmijjooftu.
Barkoo ykn baallaa xixiqqoo mallattoolee garii gararreerra
(gubbaarra) jiran harriiqqaadhaan bakka buusanii
barreessuu jalqaban.
Kuniis golollee waraqaa ooftu oliifi gad qabuudhaan
harriiqqaa ykn qabxii itti godhuu dirqama tahe.
Kuniis tarree yaa’a barruu jallisuufi barruus buburreeysuu
fide.
Yeroo dheertuu fudhachuu malee rakkoon barruu fokkiftu
mul’achuun dhimma furmaata saffee itti barbaadan taate.
Gaafas kitaabni “ Fura Afaan Oromoo” kan Sheek
Mahammad somaaliyaarraa hulluuqee gara biyya teenyaa
seenuu haahimamu malee, harka namayyuu gayuu
hindandeenye.
Garuu, Makiinaan barruu tan biyya keessa jirtuun rakkoo
malee ittiin barreessuun akka dandayamu hoggaa dhagayan
barbaachaaf karaa bu’an.
Dr. Mahammad Rashaad qunnamuun dirqama tahe. Akkasitti
booddee magaalaa guddittii biyya Soomaaliyaa moggaasatti
wal qunnamanii haasawaafi marii booda
Qubee Dr. Mahammad Rashaad fudhatanii ittiin fayyadamuu
jalqaban.
Qubeen ar’a manbarnoottan keessatti ilmaan Oromiyaa ittiin
barataniifi waajjiroota Oromiyaa keessattiis ittiin
hojjetan qubee sani.
Qubeen sun kitaaba mataduree
“Fura Afaan Oromoo” jedhuun bara 1969 keessa dura
harkaan barreeffameeti ganna lama booda yeroo duraatiif
maxxamfame.
Namni kana barreessees Sheek Dr. Mahammad Rashaadi.
Qubee Afaan Oromoo bifa arra qabdu kana Sheek Mahammad
Rashaad Abdulleetu itti abbaan.