Seenaa Barreeffama Afaan Oromoo:
Dr. Abdulsamad Muhammed | Waxabajjii 17, 2013
Afaan meeshaa walqunnamtiiti; mallattoo eenyummaatiisi.
Akeeka barruu tanaatiif meeshaa walqunnamtii tahuu isaa
haafuulleeffannu.
Meeshaa walqunnamtii hoggaa jennu moggaalee lama walitti
fida; akka riqichaati isaan tajaajila jechuudha.
Kanas bifa lamaan jechuunis: dubbiifi katabbiidhaan ykn
barreeffamaan tajaajiluu danda’a.
Dubbiin sagalee ykn qooqa qofaan gargaaramanii walitti
dubbatanii ykn haasa’anii hariiroo walhubataniidha.
Haaluma kanaan qubee walitti dhufanii waan katabamaniif
ykn barreeffamaniif wal qunnamtii akkasii qabaachuun ni
andayama.
Afaan kamuu karaalee lameen himaman kanaan hawaasa isaa
akka tajaajilu shakkiin hin qabu. Garuu, har’allee
afaannan baay’eetu sadarkaa dubbii qofatti hafee jira.
Kanneen gara katabbiititti dhawaataan ykn adeemsaan
tarkaanfachaa jiranis muraasaa miti.
Afaannan sadarkaa afaan dubbii qofatti bara dheeraa turan
keessaa, tokko, Afaan Oromooti.
Ragaalee qabnurraa akka hubannutti afaan Oromootiin
katabuun erga eegalame hinturre: umriidhaan yoo himne
bardhibbee lamaafi walakkaa(cinaa) qofa.
Qabsoo gama kanaan godhamtes dheertuudha; gufuuleen
mudatees baay’eedha.
Akeekni barruu kanaa seenaa barreeffama Afaan Oromoo bifa
gabaabaadhaan dhiheessuudha.
Afaan tokko afaan katabbii ykn barreeffamaa ta’ee jechuun
mallattoolee sagaleelee afaan sana keessa jiran bakka
bu’an
moggaafatee sirnaan walfaana tarree galee barruu dhaamsa
ittiin dabarfatu ittiin tolchuun danda’ame jechuudha.
Mallattooleen afaan tokko ittiin katabuuf mogaafaman
waliigalatti QUBEE jennaan.
Qubeen afaan tokkoo mallattoolee sagaleelee afaan sana
keessa jiran guututti bakka bu’an of keessaa qabaachuu
qabdi.
Fakkeenyaaf, Afaan Oromoo sagaleelee SODDOMII SADI qaba;
soddomii sadan kanarraa ijaarama jechuudha.
Qubeen afaan tokkoof moggaafamtu tan sagaleelee afaan
sunii sirriitti bakka buutee haala salphatti ittiin
barreessuuf nama dandeessiftu tahuu qabdi.
Gara akeeka barruu kanaatti ce’uun dura, ifaajee ykn bu’aa
bayii Afaan Oromootiin barreessuuf godhame ilaalla.
Ragaan harkaa qabnu akka mul’isutti kitaabni duraa Raayya
keessatti bara sheekoota
Aanniyyi fi Daanniyyi keessa katabame.
Kitaabban kunneen kitaabban, kitaaba Amantii Musliimaa kan
manzumaati. Faaruu Rabbiitiifi kan ergamaa Isaati
of keessaa qaban jechuudha.
Kitaabban sun qalama dibeetaan tuqachaati harkaan
barreeffaman. (qalamni gaafasii gobeensa fiinxi qaraa
jechuudha).
Qubeen ittiin barreeffamaniis qubee Arabaati.
Qubeen Arabaa seera dheerina, gabaabina, laafinaafi
jabeenya sagalee mul’isan sirritti qabdi.
Sababa kanaafis namni Afaan Arabaa dubbisuufi katabuu
beeku Qubee Afaan Oromoo dafeeti barata; katabuufi
dubbisuus haala salphaan hubata.
Qubeen Arabaa suni immoo, Afaan Oromootiif hanquudha. mallattoolee sagaleelee afaan Oromoo baay’inaan 6
(jaha) tahan bakka bu’an of keessaa hinqabdu.
Isaanis: c, ch, dh, g, ny, ph [q x ?] hinqabdu
jechuudha. Isaan kanaaf mallattoolee jiranirratti waa
dabalanii mallattoo haaraa itti uumuun ni danda’ama.
Meeshaalee katabbii afaan Arabaatiif tolfamaniin afaan
Oromoo katabuun ykn maxxansuun hin danda’amu. haatahu
jennee yoo itti seennelle waan
baay’ee barbaachisa: meeshaalee barruutiifi kan mana
maxxansaa bifa haarayaan qoranii tolchuu, maallaqa guddaa
dhimma kanaaf barbaachisuus
diinnagdee biyyaa agabsanii garasitti ramaduu, hundaa’ol
immoo mootummaa dhimma kana akka dantaa ofiititti
fudhattee hojiirra oolchuuf qaamaa
qalbiidhaan sossootu aangoorra jiraachuun dirqama taha.
Kanaafuu ifaajeen garasiin godhamaa turte hundi hawwii
milkiidhaan wal hingarre taateeti hafte.
Tattaaffiin itti aantu warra kiristaanaatin godhamte.
Toora xumura bardhibhha 19ffa pirotestaantoonni warra
Awuroopaa “Macaafa Qulqulluu” gara afaan Oromootti
hiikanii maxxansiisuu fedhan.
Hojii saniifis Oromticha
Oniisimos Nasiib (Abbaa Gammachiis jedhaniin muudan.
Oonisimoos Nasiib teessoo isaa magaalaa Asmaraa biyya
Ertiraa godhatee Macaafa qulqulluu Afaan Amaaraatirraa
gara Afaan Oromootti hiikee bara 1986 keessa
achumatti maxxamfames.
Kitaabni sun “Macaafa Qulqulluu” jedhama. Kan
hiikees “Oonisimos Nasiib, nama biyya Oromoo’ jedha.
Qubee Saabaatiin barreeffame. Qubeen Saabaa tanuma
Afaan Amaaraatiifi afaan Tigree ittiin barreeffamu
tana.
Qubeen tuni sababoota lamaaf afaan Oromootiif hin
mijoofne. Sababni tokko,
seera dheerina, laafina, gabaabina fi jabeenya
sagalee mul’isu hinqabdu.
Sababni lammadaa,
dubbachiiftoota “vowels” torba qofa qabdi; afaan Oromoo
immoo, 10 qaba; kurnanuuti barbaada.
Torban qubeen saabaa qabdu keessaahis lama sagalee afaan
Oromoo waliin wal hingitan. Kanaafuu, qubeen Saabaatiin
Afaan Oromoo katabuun hindanda’amu.
Tattaaffiin Sadaffaan tan
qubee Laatiiniin godhameedha. karaa kanas bakka
lamatti qoonnee ilaalu dandeenya.
Tokko kan Lola/waraana addunyaa lammaffaatiin dura taheefi
kan Lola/waraana addunyaa lammaffaa keessaafi achiin
boodaati.
Tattaaffiin duraa ammas tanuma warra Awuroopaa
(Faransaayota, Jaarmaanotaa, Xaaliyaanota) fedhii
amantiisaanii babal’isuuf qabaniin godhamee dha.
Kitaabileen xixiqqaa amantii bataskaana pirotestaantii ykn
kan kaatolikii barsiisan qubee Laatinii tanuma afaan
faransaay,
afaan Jaarman ykn afaan Xaaliyaanif moggaafaman jijjiirama
tokkollee osoo itti hingodhin Afaan Oromoo ittiin kataban.
Gara itti aanu Darbi >>