Himata Rogeeyyii Oromoo heddu kan Eenyummaan Feesbuukii, Fuulli Feesbuukii, fi Yuutuubiin jalaa cufame irraa ka’eetu qabatama beeku tokko ummata keenna hubachiisuu barbaade: - Dar. Abdisa Bancha Jaratiin
Naannoo ji’a 8 hardhaa ture, #Email Masara Kiiloo-4 irraa gara #Keeniyaa-Nairobi ergame tokko akka tasaa #Culullee harka kan seene. #Emailchi #Kilo-4 irraa gara Nairobitti kan argamu dhaabbata #Facebook dhaaf kan ergame, akkasumas qabiyyee heddu qabdi ture, akkan odeeffadheetti.
#Qabiyyeen sun waan ijoo ta’an hanga 3 akeekti:
1) Masara Abiyi Kilo-4 keessatti Garee Marsaalee Hawaasaa hordofuufi too’atu(Social Media follow up/controlling) hundeeffamuu ibsa;
2) Team kun Garee dhaabbata Facebook-Nairobi jiru keessaa kanneen Afaan Oromo, Afaan Amaaraa, Afaan Tigree fi Afaan Sumaalee irratti ramadaman waliin wal-dubbisaa hojjachuu yoo tahu;
3ffaan: Gareen Masara Kilo-4 mandheenfatte sun Barreeffama Marsaalee irratti Mootummaa morman ykn qeeqan; Ramaddiilee adda addaatti qoqqoodee qindeessuudhaan gara Naayiroobii akka erguu fi Gareen Naayiroobii ammoo Tarkaanfii hatattamaa kan akka qabiyyee haquu fi Eenyummeessaa(Account) nama sanaa haquu hanga geessisu fudhachuudha.
Hub: Gareen Dhaabbata facebook sun seeraa fi sirna dhaabbatichaa irratti hundaayee osoo hin taane, Faayidaa Masara keessaa eegameef waan jiruuf ajaja kallattiin kiiloo-4 irraa dhaquuf qofaan system irraa haqu ykn account cufu.
Fakeenya Facebook koo isiniif kaasa: Torbaan 2 dura, KITAABNI “Qabsoo Butame” Afaan Oromootti hiikkame natti ergamnaan olfuudhee Facebook kiyyarratti gadi lakkise. Namootni hedduu kitaabicha duras dhagahanii barbaadaa waan turaniif guyyaa sana marsaaleen hawaasaa waliin gahaa oolan. Bultee isaa ganama yoo hirribaa kan’u; Accounti koo “Abdisa Bancha Jara” jedhu kan hordoftoota 29,800+ olqabu guutumatti #DISABLED naan jedha, maal tahe? dogoggorri uume maali jedhee sakatta’e. Rakkoon tokko hin jiru, Facebook koo jiila isa tokko bardheengaddaa najalaa cufsiisaniif jedhee ‘Top Level security standards’ waan fayyadamuuf Cufamuu miti, waan hunda an confirm gochuu qabaayyu, garuu gaafas ofumaaf cufan. Booda maali jedhee yoo faana dhahu, Kitaabicha sanaan walqabatee himata godhameen akka tahe oduu argadhe, Waan nama raaju, Account Disabled tahe tokko banachuu dhaaf dhaabbatichi seera mataasaa qaba, Seeruma sana fayyadamnee account namoota hedduu deebisiifneerra. Kiyya garuu #Email fi #Bilbila kiyyaanis #IYYACHUU akka hin dandeenne godhame, San qofas miti ‘Kana booda Facebook fayyadamuu dhaabi’ jedhanii ergaan natti dhufe, isa dhiisee guyyaa 5 booda ‘Abdiisaa Bancaa Jaarraa’ jedhee haaraa banadhe - guyyaa lama booda guutumatti balleessani jennaan dhiisee page tokko banee dhiise.
#Tooftaa-2ffaa:
Tooftaan lammataa kan ilmaan Oromoo marsaalee hawaasaatiin
akka isaan yaada hin barreessine/ibsanne gochaa jiraniin
ammoo
#GareeAfooshaa
tokko biyya alaatti dhaabaniitu. Gareen kun Magaalaa DC
keessatti kan dhaabbate, Marsaalee Hawaasaa irratti
‘Haasaa jibbiinsaa fi Oduu sobaa too’achuu”
maqaa jedhuun yommuu tahu, jalqaba kan jalqabe nama tokko
ture. Yeroo ammaa Miseensa 50 olkanqabuu fi Baajatni guddaan
fund itti godhamee bifa hojii idileetiin taa’anii hojjachaa
jiraachuu VOA-Amaariffaatiif gurbaan hoogganaa ibsa kenne
dhageeffadheera. FKN Facebook Gumaa Saqeta irra
deddeebiidhaan kan cufsiisaa ture garee sana, Facebook
@Tsagaye….
Gareen Afooshaa kun garee Keeniyaa waliin hariiroo qabaachuu
kaniin bare, Bifuma Gaaffiifi Deebii VOA-Afaan Amaaraa garee
Afooshaa sanaaf godhee akka hojii gaarii hojjachaa jirutti
dhiyeesseen
#BBC-Afaan Amaaraa ammoo Garee Facebook kan Nairobi jiru san
haasofsiisee wantoota raawwatamaa jiran cover godhus
Dhaabbatichi hojii gaarii akka hojjachaa jiruu fi
qabiyyee-haasa jibbiinsaa fi oduu sobaa sirnaan too’achaa
jiraachuu mirkaneesseef.
Walumaagalatti, wanti hubatamuu qabu, keessaayuu akka
dhaabbata Facebooktti dhimma Afrikaan walqabatu hundumaa kan
too’atu garee Nairobi jiru kanaadha. Kanaafuu Gareen
#Afooshaa
DC sunis himata/komii/gabaasa qabu gara keeniyaa erga,
Gareen Masara Kilo-4 jirus akkasuma. Haala kanaan ammoo
Gareen Masara kilo-4 jiruu fi gareen Afooshaa DC jirus
quba-walqabaachuun ifa mitiiree. Garichi ammoo Faayidaadhaan
kan ukkaamfame waan taheef Dhugummaa himata/gabaasa/komii
ergamee ilaalee/xiinxallee osoo hin taane waan godhi jedhan
ykn raawwadhu jedhan raawwachaa jiraachuun ifa.
Fkn: Uggura akka Facebook Yaya Beshir torbaan darbee, kan
akka Facebook @Ferhan kana fa’a jechuudha.
#Furmaanni: Kana Ummanni keenya irratti dammaquu qaba. Ummatni keenya yoo hubate, tooftaa salphaa baafna, #Facebook, Youtubehordofotoota hedduu qabu kan isaan jala deemaa himatanii uggursiisan kana walitti funaanuudhaan #Dhaabbaticha Waajjira Giddugaleessaa(Menlo Park, California, United States) deemanii #DameeKeeniyaa jirutti himata banuudha, akka isaan qabatama ta’aa jiru gamaaggaman goosisuudhaan #DameeNairobi jiru diigsisuudhatu furmaata.
#Share
gochuun waliif dabarsaa
[Abdisa Bancha Jara]
Harka funnee
Barnoota qubee Afaan oromoo
Barbaada