Home Maxxansituu Fuula 4

Seenaa Gabaabaafi Kitaabota Gaaz.fi Barreessaa Tasfaayee[Gadaa] Gabra’aab(Burqaa Zimmitaa) buufadhaa dubbisaa

0
Gaaz. fi Barreessaa Tasfaayee[Gadaa] Gabra'aab

Qabsoon Waraana barreeffamaatiin adeemsifamu waan yaalloo akka hin taane beekuun barbaachisaadha. Barreessitootni kitaabasaanii keessatti waan taajjabbii, mudannoo jireenyaafi dhoksaa garaa isaanii ilaalcha siyaasa hawaasa tokkoo quuqamoo ta’anii waan garaatti ulfaa’an ittansuu fi ciniinsifannaa guddaadhaan dhalanii kitaabessu. Kitaaba dhalan kana keessatti wantoota hawaasummaan waliin hariiroo qaban siyaas-dinagdee aadaa, duudhaa fi afaan akkasumas seenaa isaanii hammachiisuun qabsoo jechaan deeggarame waraana ibsaa quuqqaa hawaasichaaf hidhannoo guutuu hidhachiisuun teessisanii barreessu.

Dubbistoonni barreessaa isaanii hordofuun qabiyyee barreeffama barreessichaa keessatti bakka hoosisaa isaaniif hooqaa ta’ee kan argan dubbisuu malee afaanii fi eenyummaan kitaabaa fi barreessaa daangessaa isaanirratti ta’uu hin danda’u. Fkn yoo haala qabatamaa naannoo keenyaan madaala taasifne kitaabotni Dubbistoota Oromoo biratti fudhatama qaban kan Afaan Oromoon barreeffaman natti fakkaata kunis dubbistoota umrii dargaggummaa keessa jiraniif jechuukooti.

Hata’uutii garuu ilaalcha Afaan biroon kitaabota barraa’an dubbisuurratti gadi bu’aa ta’ee ture sana jijjiiruuf barreessitoota Afaan Amaaraan kitaaba isaanii keessatti eenyummaa Oromoo sakatta’an ilaaluun barbaachisummaansaa akka caalu hubadheen jira. Kana yeroon jedhu dandeettii dubbisanii hubachuu Afaan Ormaa dirqamatti horachuus baannu kanneen hubachuu danda’an akka dubbisuu qaban akeekkachiisuun filadhe. Akkaataa kanaan Namootni Afaan Amaaraatiin barreessaa turaniifi har’as jiran muraasni Oromummaa fi sabboonummaa ofiif itti amanan kitaabasaanii keessatti kaasaniiru.

Isaan keessaa Gaazexeessaafi Barreessaan TASFAAYEE[Gadaa] Gabra’aab isa tokko yoo ta’u tooftaa barreeffamaa ofiisaa qabachuun kitaabota isaa keessatti qabiyyee siyaasa Oromoo hin hammachiisin hafee hin beeku. Barreessaan kun Bishooftuutti dhalate haadhisaa Oromoo fi Abbaadhaan Tigiree/Ertiraa akka ta’e himama.

Haata’u malee adeemsa OROMOOMSUU hordofuun Gadaa maqaan jedhu kennameefiira.

Barreessaan kun kitaabota
– YE BISHOOFTUU QORIIXOOCH,
– YE BURQAA ZIMMITAA,
– YE DERAASII MAASTAAWESHAA,
– YE GAAZIXENYAA MAASTAAWESHAA,
– YE SIDETENYAA MAASTAAWESHAA,
– YE QIDAAMEE MAASTAAWESHAA FI
– YE JAMIILAA INNAAT jedhaman dubbistoota qaqqabsiifateera.

Kitaabonni kun hundi boqonnaaleedhaan qoodamanii jiru boqonnaaleen hundis Mata duree adda addaatiin dhiyaataniiru. hundisaanii garuu sakatta’a, ibsa, xiinxalaa fi Raaga siyaasa Oromoo haguuggatoodha.


Seenaafi hacuuccaa Ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa ture qabiyyeewwan kitaabota isaa heddu keessatti kaasee jira. Tasfaayee[Gadaa]n akka xiinxalaa siyaasaattiis Miidiyaalee biyya keessaafi alaa irratti dhimma Oromoo kessumaayyuu siyaasa oromoorratti irratti yaadota gurguddaa dhiyeessuun beekkama. Kanumaaf Ummanni Oromoo akka Seera Sirna Gadaa oromootti Oromoomsee maqaa isaas Gadaa jedhee moggaaseefi. Innis Maqaa kana akka jaallatuufi itti boonu dubbata.

Kitaaba isaa Burqaa Zimmitaa(Afaan Amaaraa) kana asii gadirraa buufadhaa dubbisaa

Maqaa

Fuula

Naqadhu(download)

Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebra’aabitiin –Kutaa: 1ffaa

1-129

Naqadhu

Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebra’aabitiin –Kutaa: 2ffaa

128-223

Naqadhu

Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebra’aabitiin –Kutaa: 3ffaa

222-312

Naqadhu

Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebra’aabitiin –Kutaa: 4ffaa

313-374

Naqadhu

Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebra’aabitiin –Kutaa: 5ffaa

374-461

Naqadhu

 

Fuula 1-129
https://www.afaan-oromoo.com/wp-content/uploads/2019/04/Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebraaabitiin-K1ffaa.pdf

Fuula 128-223
https://www.afaan-oromoo.com/wp-content/uploads/2019/04/Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebraaabitiin-K2ffaa.pdf

Fuula 222-312
https://www.afaan-oromoo.com/wp-content/uploads/2019/04/Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebraaabitiin-K3ffaa.pdf

Fuula 313-374
https://www.afaan-oromoo.com/wp-content/uploads/2019/04/Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebraaabitiin-K4ffaa.pdf

Fuula 374-461

https://www.afaan-oromoo.com/wp-content/uploads/2019/04/Burqaa-Zimmitaa-Tefaayee-Gebraaabitiin-K5ffaa.pdf

Seenaa Jireenya isaa dhiyotti eeggadhaa.

Ilma Hayyuu umrii daa’imummaatiin hojii gurguddaa hanga Muummee Ministeeraatti hojjateen walbaraa

1

Seenaa Jireenyaa Gabaabaa Muummee Ministeera Dr.Abiy Ahimad Alii
*****************************************************************

Dr.ABIYI AHIMAD ALII Eebla 15 bara 1968 A.L.I’tti Godina Jimmaa magaalaa Aggaarootti kan dhalatan yeroo tahuu,barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa isaanii achuma Godina Jimmaa magaalaa Aggaaroo fi Jimmaatti barataniiru.

 

Dr.Abiyi Umrii Dargagummaatiin Raayyaa Ittisa Biyyaatti yeroo makame

Bara 1984 irraa eegalee gara qabsoo DHDUOtti makamuus danda’anii jiru.Qopha’ummaa barnoota isaanii ilaalchiisee bara 2001’tti Diigrii jalqabaa isaanii “Computer Engineering
dhaan Microlink information technology college, Finfinnee irraaargatani jiru.Itti ansuunis,
Maasteersii isaanii bara 2005 gosa barnootaa Koompitaraa “Cryptology” jedhamun, Mashihe Dynamics Cipher-ED Pretoria South Africa irraa fudhataniijiru.

 

 

Dr.Abiyi Ogeessa Tekinoolojii Salamon Kaasaa Waliin

Bara 2003tti immoo gosa barnootaa“Transformational Leadership and Change
jedhamun,Greenwich University, London in collaboration with International Leadership Institute Addis Ababa,Ethiopia Irraa argatanii jiru. Itti aansuunis bara
2005’tti MBA,gosa barnootaa “Master of Business Administration” maastersii isaanii biroo Yuunivarsiitii,Ashland Lead star irraa argatani jiru. Yuunivarsiitii Finfinneetti “Institute
for. peace and securitystudies” keessatti PHD (Diigrii saddaffaa) isaanii gosa barnoota “peace and security studies” jedhamuun Doktereetii isaaniifudhatanii jiru.

Muuxannoo hojii isaani ilaalchiisee:-

  • Gama Ittii gaafatamummaa dhaabaatiin hundeeffama dhaabichaa irraa eegalee dhaaba keessa kan turanii fi yemmuu hundeessitoonni dhaabiicha garee lamattii (garee bulchiinsa siyaasaa fi garee humna ittiisaatti) yeroo qoodamanittii garee raayyaa waraanaa tahuun dhaabichaa
    tajaajilaa kanturan
  • Dr.Abiy,yeroo miseensa raayyaa waraanaaturanittiis gulantaa Leetenaal Koloneelii argatanii jiru.
  • Akkasumas yeroo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani (UN)’tti miseensa humna nagaa mirkanneessaa (UNAMIR), tahuun Kigali Ruwandaatti filatamanii tajaajilaa turanii jiru.
  • Bara 2002 irraa eegalee hanga ammaattii miseensa koree giddu galleessa Dh.D.U.O. tahuun tajaajilaa kan jiran Dr.AbiyiAhimad,
  • Bara 2007 irraa eegalee immoo koree hojiiraawwachiiftuu Dh.D.U.O.tahuun tajaajiluu irrattii argamu.
  • Akkasumaas bara 2005 irraa eegalee hanga ammaatti miseensa koree hojii raawwachiiftuu ADWUI (Addaa Dimookraatawaa Waraaqsa Ummatoota Itoophiyaa) tahuuntajaajiiluu irratti argamu.
  • Gama mootummaatiin sadarkaalee adda addaatti ittii gaafatamummaa garagaraatiin kan hojjatanii fi hojjachaa jiran yeroo tahuu,
  • Bara 2002 irraa eegalee ummata Godina Jimmaa Magaalaa Aggaaroo Bakka Bu’uun Miseensa manamarii bakka bu’oota ummataa tahuun filatamuun biyyaa fi ummata isaanii tajaajilaa kan turani Dr.Abiyi,Ittii gaafatamummaa mootummaa fi dhaaba isaanitiin itti keennamee ga’uumsaa fi qulqulliinaan raawwachaa yerooturan keessatti kabajaa fi jaalallii isaan hojiif qabanu,akkasumas hirmaachisumman isaan hojii keessatti
    qabanu jalleewwaan qabsoo isaanii kan ragaa bahaniif akkuma jiruuttitahee,hundaa ol hojiin idilee isaanii kan ragaa bahuufii dha.
  • Bara 2000 hanga bara 2002’tti miseensa boordii dhaabbata Raadiyoo fi televizhiinii Itoophiyaa (ERTA) tahuuniis tajaajilanii jiru.
  • Bara 2001-2002’tti miseensa boordii Koorporeshiinii Telekomnikeeshiini Itoophiyaa (ETC) tahuun hojjatanii jiru.
  • Bara 2000 -2002’tti sadarka maanajarummaatiin Ethiopia Media and Expansion (Broadcastii TV fi Raadiyoo) ,National Electronics Id System, Computer Based Data Communication System’dhaan dhaabbilee gara garaa keessaa fi Automation of Banking
    System in Ethiopia keessatti maanaajara tahuun kan tajaajilan yeroo tahu.
  • Bara 2007 irraa eegalee walittii qabaa boordii interpiraayizii daandii saffiinaa, akkasumas baruma kanattii walittii qabaa boordii waldaa hojiilee ijaarsaa, dizaayinii fi supparviizhiinii Itoophiyaa tahuun tajaajilanii jiru.
  • Bara 1999 irraa hanga 2002 tti hundeessaa fi Daayreektara INSA (Information Network Security Agency) tahuun kan tajaajilan yeroo tahuu,
  • Bara 2005 irraa eegalee immoo Dayreektara Giddugala Odeeffannoo Saayinsii fi Teeknoloojii Biyyoleessaa(National Science and Technology InformationCenter) tahuun
    tajaajilanii jiru.
  • Bara 2007’tti Ministira Ministeera Saayiinsii fi Teeknooloojii Biyyooleessaa tahuun kan hojjatan yeroo tahuu,
  • Bara 2008irraa eegalee hanga xumura bara 2009’tti Sadarkaa Ittii Aanaa Pirazidaantiitti Hoggaanaa Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii Oromiyaa tahuun tajaajilaa kan turanii fi
  • Jalqaba Fulbaana bara 2010 irraa eegalee hanga ammaatti Sadarkaa Ittii Aanaa Pirazidaantitti hogganaa Waaj/Dh.D.U.O. giddugaleessaa tahuun tajaajiluu irratti argamu.
  • Dr.Abiy yeroo ammaa Muummee Ministeeraafi Ajajaa Waliigala Waraana Itoophiyaati.
Dr.Abiyi Muummee Misteeraa tahee muudame

Muummeen Ministeeraa Dr.Abiy bu’aa ba’ii yeroo dheeraafi jabinaafi Muraannoodhaan hojiin hojjate firee godhatee Muummee Ministeera Itoophiyaa  kan dhalootaa ilma Oromoo Oromoof qabsaayee aangoo qabate tahee muudame.

 

 

 

Dr.Abiyi Marii Raayyaa Ittisa Biyyaa wajjiin taasise

Kanatti dabalataan Dr.Abiyi yeroo sababa amantaan walittii bu’iinsa hawaasa godina Jiimmaa gidduutti uumamee ture dhaabbilee amantaa fi jaarsoolii biyyaa waliin tahuunrakkicha bu’ura irraa hiikuun hawaasni godina Jimmaa akkuma durii garaagarummaa ilaalcha amantii tokkoo malee tokkummaa fi jaalalaan waliin jiraachuu isaanii akka ittii fuufsifatan taasiisuu keessattii carraaqqii Jaallee Abiyi Ahimad taasiisaniif Komishiiniin Mirga Namoomaa Itoophiiya badhaasa
Ambaasaadara Nageenyaa” jedhuu laateefi jira.

Dr.Abiy – Muummee Ministeera Itoophiyaa

Walumaagalattii muuxxannoo ol’aanaa beekumsa guutuun deeggarame kana qabatanii hiriira waraaqsa diinagdee Oromoof mootora tahun,dargaggoota Oromoo toora sirrii
tahe irrattii hiriirsuun mootummaa,ummataa baldhaa Oromoofi dhaaba walittii qindeessuun jaalleewwan qabsoo sirrii biroo waliin tahuun injiffannoo ol’aanaa galmeessuu irratti kan argaman qabsa’aa sirrii yeroo murteessaatti Ummanni Oromoo argate keessa isa ijoo fi ol’aanaa dha.

Dr.Abiyi Ahimad Aliif Umrii Dheeraa Hawwiineerra!

Galmee Jechoota Afaan Oromo

1
Galmee Jechoota Afaan Oromoo

Hiikkaa Jechoota Afaan Oromoo kanneen Qubee Afaan Oromoo A – Z jiran.

[ctu_ultimate_oxi id=”1″]

 

Qabiyyeen galmee kanaa yeroo gara yerootti dabalaa kan adeemu dha.

 

Oromoo Ormaa: ”Yeroon Oromoon itti tokkoomu gaheera”

0
Haajii Kullisa Boonaa - jaarsa biyyaa hawaasa Oromoo Ormaa

Dhiheenya BBC Afaan Oromoon, Oromoota Keeniyaa bulchiinsa Taanaa Riivar yookiin ‘Taanaa Rivar Kaawuntii’ jedhamu keessa jiraatan waliin turtii taasiseera.

Gaaffiilee ummanni Oromoo kunneenis attamiin gara kana dhufan? Bara meeqa asi jiraatanii fi eessa irraa ka’an? Jedhaniif deebii argachuuf, jaarsaa fi bakka bu’aa Oromoo Ormaa kan ta’an Haajii Kullisa Boonaa dubbifneera.

Godaansi ummata Oromoo kun Itoophiyaarraa bakka amma jiraatuutti taasisee ganna hedduu dura akka ta’e, Hajii Kullisa Boonaa ni dubbatu.

Akkaataa itti lafa jireenyaa isaanii kan duraa Meegga irraa ka’un as gahanis yoo ibsan: ”Nuti Itoophiyaadha kan goddanne ganna 523tiin dura. Tulaa Saglan ykn Meegga irraa kaanee Moyaal dhufnee, gara ammaa jiraannu kanatti dabarre.”

Akka maddeen dubbifne BBC’tti himanitti, warri Tulaa Saglan Booranaa qoteellee warra kana ta’ulleen himu.

 

Akka aadaatti hayyuun duri biyyaa bahe hin fagaattu, bakka murtaa’ees malee. Haa ta’u malee, gosi tun godaanu feena jette yaada dhiheeffate hayyuun dhowwan. Abbaan Gadaa gaafasi Abbayyii Baabboo Orroo jedhu, jechuun akkamiin godaansaaf akka eegalan himu jaarsi biyyaa kun.

Achii warri Boranaa hayyuu tokko (Jiifa) kan maqaansaa ‘Kottee Gooloo Waataa’ jedhamu obboolleeyyan keessan dhaqqabiitii deebiisi jechuun Oromoota godaanaa turan (Wardaa) itti ergan jechuun himu Hajii Kullisa.Namni akka warri Wardaa hin godaannee amansiisuuf dhaqees, guyyoota torbaaf isaan waliin turanilleen lakkii hindeebinu, nuti isiin irraa Orminee nuti Orma jechuun maqaa ofiitti moggaasanii diduun goodaanan jedhaniiru.

Akka Hajii Kullisa irra hubanneetti, maqaan Orma jedhuu kunis erga Oromoon Wardaa biyyaa bahanii booda kan baheefiidha. ‘Ergasii maqaa isaanii duraa Wardaa irraa gara Ormaatti geedaramu. Wardaa Oromoodha’ jedhu jaarsooliin hawaasa kanaa.

Daandii Ormaan qaxxaamuruun lafa amma jiraatu ittiin gahe

Bakki Wardaa jalqaba irraa ka’ees Itoophiyaa lafa Melbanaa jedhamu fi Godina Booranaa ammaa keessa iddoo osoo Meeggaa hingahiin argamu ta’u Hajii Kullisaan himu.

Isaan boodas hayyuun akkana jechuun raage jedhu Haaajii Kullisa, ”Nuti waliin dhalannee obbooleeyyan. Dandeettanii nurraa hin ormitan. Mee gargar teenyee wal ijibbaanna. Kanaafuu deemaa halaala teenyee wali yaa ilaallu. Godaantanis yoo ganni 512 geessuu, ijoolleen lama ni dhufu. Isaanis gurbaa Wardaa diimaa fi gurbaa Boranaa gurraachattu wal nubarsiisa,” jechuun raajan.

”Oromoon Wardaas akkanaan godaantee gara lamaatti gargar baatee. Inni duraa kan garee Anna Akkar dura deemu yoo ta’u, kan lammeessoo ammoo kan Anna Bakkeetiin ogganaman turan. Isaan lamaanuu warra Wardaati. Lafti awwaalcha namoota Oromoo gadaansisan lamaanu Anna Akkarrii fi Anna Bakkee amma har’aatti illeen jiraachuu isaa himu. ”

Mana jireenyaa Ormaa keessaa

Haa ta’u malee, gosa Oromoo Wardaa godaanee kana keessaa gosti Karrayyuu jedhamu Booranatti hafuun hanga har’aattis achuma akka jiran himama. Tulaan Saglan Booranaas keenyaa” jechuun maqaa saglaniituu tarreessuu Haajii Kullisa.

”Gareen Anna Akkar dura deemu gara galaana saalaluu (Gara biyya Sudaanitti) qajeelan. Haa ta’u malee, gaafasi bokkaan cimaa waan tureef, lolaafu bahuu dadhaban. Kanaafu deebi’uun karaa Elwaaqi kan amma ‘kaawunti Maandeeraatti’ argamtu qaxxaamuruun Booranaa ummata jalqabaa keessa achi jiraatuutti baate. Achi keessa darbuunis Boorana Waajjir qubatuutti godaanan,” jechuun haala godaansaa Ormaa dubbatu jaarsi biyyaa kun.

Dhiibbaa adda faffaca’un fide

Akka Haajii Kullisaatti, ”Gareen inni lammeessoo kan Anna Bakkeetiin ogganamuu ammoo, karaa Dhaaddacha Warra Abbi bahuun galaana Saalalu qaxxaamuranii lafa Waam jedhamuufi kan amma Somaalee keessatti Jubaa Laand jedhamuun beekamtu seenan.”

Haa ta’u malee, booda keessa gosti biraa lafa biyya garaa garaa irraa dhufuun bakka isaan dursa qabatan erga qubataniin booda, waraana isaan irratti banuun miidhaa baayyee isaan irraan gahuulleen himu jaarroliin.

Gaala

Kanumaanis wal qabatee Gadaa dabalatee aadaan Oromoo Ormaa duraanii baayyee hafaa dhufusaalleen himu.

Kana qofas miti, sababii dhiibbaatiin Oromoon Wardaa hedduun illeen gara Somaaleetti geeddaramuun afaanii fi amantii geeddarachu himu jaarsi kun.

Raajiin himame maal irra gahee?

Ammas Ormi erga Itoophiyaarraa godaane ganna 523 guuteera. Walumaa galattis wayita ammaa kanatti Oromoon 200,000 ol ‘Kaawuntii Taanaa Riivar’ kana keessa akka jiraatan maddeen ni agarsiisu.

Raajiin bara sanatti himamee turees dhugoomu himu Hajiin.

Ijoollee gama lamaanu dhalachuun Ormaafi Boorana walitti akka fidan himameef keessaa gama Wardaatii isaanumti Haajii Kullisa ilma gama Booranaatii dhufe waliin ta’uun waggaa 10’n dura Boorana deemuun Oromoo achi jiru dubbisuu isaanii himaniiru.

Akka abbootii isaanii irraa odeessatanittis, Oromoon saddeeti jedhu. ”Isaanis Oromoo Shawaa, Arusii, Walloo, Wallagga, Jimma, Gujii, Boranaa fi Wardaa. Kan biraalleen ni jiraatti ta’a garuu jaarsooliin akka aadaa fi hidda dhaloota keenyaa hindaganneef kana nutti himan,” jedhu Haajiin.

Isaan keessaayis angafni Oromoo Boorana. Kanaaf abbaan gadaas Boorana irraa kan mudaman jedhu.

Kana booda hoo maaltu yaadame?

Barri namni itti akka wal barbaadu raajii himaan dubbatamee sunis amma kan gahee fakkaatti jedhu bakka bu’aan Oromoo Ormaa Haajii Kullisa. Kanaafis ”Kunoo haaluma raajii gannaa 512 dura himameetiin, anu asii ka’uun Itoophiyaa Boorana dhaquun gurbaa Dirreetti dhalate kan Oromoo Booranaa waliin Booranaa gaafadhee deebii’eera,” jedhaniiru.

Guyyaa Boorana gaafachuuf Itoophiyaa deemanittis, jaarsooliin Booranaas bara kanatti ijoolleen lama akka walitti nu deebiisan raajiin himamuusaa abbootii keenya irraa hubanneera. Ammas isumatu raawwate. Kana boodas Oromoon tokko taatii nuun jedhan jechuun guyyaan tokkummaa Oromoo dhiyaachuu himan.

”Duraan gargar bannee. Amma wal baranneerra. Oromoon as jiruufi kan Itoophiyaa, akka wal baranii walitti dhufaniin barbaada. Akka wal baranii walitti diraman feena. Yeroon Oromoon itti tokkoomu guyyaanis geettee jirti,” jechuun hawwii tokkummaa Oromoof qaban BBC’tti himaniiru.


Maddi BBC Afaan Oromooti

Dubartoota Oromoofi Kabaja Siinqee Sirna Gadaa Keessatti

0
Afaan Oromo Online | Dubartoota Oromoofi Kabaja Siinqee Sirna Gadaa Keessatti

Siinqeen maali?
Dubartiin Oromoo gaafa heerumte irraa eegaltee Haadha manaafi jaarsa qabaachuu ishee argarsiisuuf haadha ishee(guddisaa)rraa kan kennamuuf ulee mukaa qaldhoo qajeeltuu kan taateedha.
Haatahuu malee Siinqeehdaan
– Akka dullatti fayyadamanii horii ittiin hin oofan, saree ittiin hin rukutan; akkasumas Siinqee Gabaa, Cidhaafi Iddoo gaddaa(Booya) qabatanii hin deeman falfalaafis dhimma itti hin bahan.

Siinqeen ulee haafakkaatuuyyu malee tajaajillisaa guutumatti isaan adda. Siinqeen faaya kabajaati, Idaayyaan(Intalli heerumte) gara ciisicha isheetiin mataa garraa kaayyatu. Siinqeen waaqa uumaa kadhachuuf araaraaf, eebbaafi kkfniif akkasumas dubartoota irra cunqursaafi dhiibbaan yeroo irra gahu ofirraa qolachuuf kan dhimma itti bahaniidha.

Dubartootni Siinqee qabatanii bahu. Fkn: Yeroo IRREECHAA dubartootni siinqee qabatanii hiriira galanii ililtaafi ateetee dhageessisaa bareedanii hiriira isaanii osoo hin balleessin walduuka deemu.
Uumaadhaaf galata yeroo galchan, Lola daangaa darbe keessa dubartootni Siinqee qabatanii ililfachaa yeroo seenan lolli yeroma sana dhaabbata. Akka aadaa Oromootti ilmi Oromoo kamuu osoo firri isaa fedhellee du’eera tahee siinqeerra tarkaanfatee hin lolu.
Waraanni Oromoo kamuu yeroo lolaaf bahu dubartoota siinqee qabatan bitaai mirgaan dhaabsisee siinqee isaanii akka olqaban goosisee jala hulluuquun dhaadannoo:
– Osoo adda hin baafatin hin darbatin
– Sobaan hin dhaadatin
– Injifannoon gali… jechuun eebbisu.

Afaan Oromo Online | Dubartoota Oromoofi Kabaja Siinqee Sirna Gadaa Keessatti

Duri waraanni Oromoo dubartoota Siinqee qabatan irraa osoo eebba hin fudhatin waraanaaf hin bahu ture, yoo deemes akka seeraqabeessatti osoo hin taane bifa seer-maleessatti ilaalama, Moo’ica argateefi kabajni argatu hin jiru, Waraanni yoo dhumes Gumaa hin qabu ykn Oromoon gumaasaa baasuuf hin bahu.

 

Barbaachisumman Siinqee inni biraa, Abbaa warraa isaaniitiin ykn fira abbaa warraa isaaniitiin dubartoota irra miidhaan yoo gahe dubartootni naannoo jiran siinqee qabatanii walitti bahuudhaan kabaja ishee kalchiisanii yakkisiisanii eegsisuuf.

 

Dubartii Siinqee qabattee deemtu tamiinuu namni arge fardasaarraa bu’ee marga laateefii(Naga gaafatee)dabarsuu malee imalashee dhoorkuu ykn gufachiisuuf hin yaalu inumaayyuu fardasaa kenneefii haala mijeessaaf malee tarii yoo yaale adabbii hanga hawaasarraa ittifamuu gahu adabama.

Maqaalee Ji’oota Waggaa Itoophiyaa naannolee adda addaa keessatti Afaanota adda addaatiin

0

Maqaalee Ji’oota Waggaa Itoophiyaa naannolee adda addaa keessatti Afaanota adda addaatiin yommuu waamamu akka armaan gadii kana taha.

  1. Afaan Oromootiin Ji’oota
  2. SIDAAMU AFFINNI DIRU AGAANA
  3. Months in English
  4. ወራት in Ge’ez, Amharic, and Tigrinya

Afaan Oromo    (Ji’oota)

Sidamu Afoo

(AGAANA)

English   (Months)

Ge’ez, Amharic, and Tigrinya (ወራት)

1.       Ammajjii

2.       Guraandhala

3.       Bitootess

4.       Ebla

5.       Caamsaa

6.       Waxabajjii

7.       Adoolessa

8.       Hagayya

9.       Fulbaana

10.    Onkololeessa

11.    Sadaasa

12.    Muddee

13.    Qaammee

 

1)      Wocawaaro

2)      Birra

3)      Bocaasa

4)      Sadaasa

5)      Arfaasa

6)      Ammajje

7)      Badheessa

8)      Dotteessa

9)      Onkoleessa

10)   Ella

11)   Maaja

12)   Woxawaajje

13)   fooqa

 

1.      January

2.      February

3.      March

4.      April

5.      May

6.      June

7.      July

8.      August

9.      September

10.  October

11.  November

12.  December

13.   

1.     መስከረም

2.     ጥቅምት

3.     ሕዳር

4.     ታሕሣስ

5.     ጥር

6.     የካቲት

7.     መጋቢት

8.     ሚያዚያ

9.     ግንቦት

10.   ሰኔ

11.   ሐምሌ

12.   ነሐሴ

13.   ጳጉሜ

 

 


 

Map of Some are where Oromo language[Afaan Oromo] varieties and dialects

Seenaa Gabaabaa Hayyuu Afaan Oromoo Sheek Bakrii Saphaloo

0

SHEEH BAKRII SAPHALOO EENYU? UMMATA OROMOOF MAAL GUMAACHE LAATA? 
Sheeh Bakrii Saphaalloo (maqaa dhalootaa: Abubakar Garad Usmaan; Sadaasa 1895 – 5 Ebla 1980) hayyuu Oromoo fi walaleessa (poet) fi barsiisaa amantiiti. Hunda caala kan inni beekamu qubee Afaan Oromoo ittiin barreeffamu uumuu isaatini. Sheek Bakrii Saphaalloo ilma Garad Usmaan Odaati; Garad Usmaan Odaa naannoo laga Saphaallootii lafa qaba ture. Lafti isaanii kun yeroo Minilik Harar qabatu bulchiinsa sana keessa oole. Abubakar kan dhalate erga Harar Minilikiin booji’amte waggaa 8 booda yoo ta’u erga abbaansaa amantii Islaamaa fudhatee waggaa 16 booda ture. 

Abubakar obboleeyyan dhiiraa sadi’ii fi obboleeyyan durbaa afur qaba. Garad Usmaan musliima bayeessa fi dandeettii Afaan Oromoo kan qabu yoo ta’u, barnoota garuu hin qabu; kanaaf dubbisuu fi barreessuu hin danda’u. R. J. Hayiwaardi fi Mahaammad Hasan akka tilmaamanitti, haati isaa Kadijjaan Musliima ta’uu akka hin hafne dubbatu. Erga barumsa sadarkaa tokkoffaa fixee booda, Abubakar gara Carcar deemee barsiisaa amantii Islaamaa Sheeh Umar Aliyyii Balballeetti jalatti barate. 

Itti aansee Harar deemun waggaa baayyeef Sheek Yusuf Adam jalatti barate. Barsiisota amantii Islaamaa kan biroo jalattillee kan barate yoo ta’u seenaa isaanii (biography) kan inni barreessee kanuma isaan kana qofaati. Erga waggaa 20 barnootarratti dabarsee booda, Sheek Bakriin gara Saphaallootti debii’e; achittis barsiisuu jalqabe. Amantiidhan bukkeetti, barnoota akka hawaasaa, seenaa, herreega, qorannaa urjii(astronomy), Afaan Arabaa fi barreeffama Afaan Oromootin barreessuu barsiisa ture. Ofii isaas Afaan Oromootin walaloo barreessu jalqabe; Kunimmoo isaaf beekkamtii akka argatuu fi maqaa inni baayyinaan ittiin beekkamu akka argatu godhe.

Sheek Bakriin Saphaalloo gadi-lakkisee iddowwan adda addaatti barsiisaa ture. 
Kana keessaa beekkamaan sadi’i Hortuu, naannoo Dirre Dhawaa, magaalaa Dirre Dhawaa mataasaa, fi Addelle, Dirre Dhawaarraa km 25 kan fagaattu fi karaa Hararirratti kana argamtu. Adelleetti mana barumsaa ijaaree ture, manni barumsaa kuni masgiida isaa jedhamee beekkama. Yeroo kana barreeffama Afaan Oromoo fi Afaan Arabaa baayyee barreessaa ture. Sheek Bakriin qubee Afaan Oromoo ittiin barreessan haaraa bara 1956tti iddoo Hagi Qome jedhamutti uume. Sheek Bakriin qubee kana uumuuf gara naannoo dhaloota isaatti deebi’e. Kunis qondaaltonni mootumma Afaan Oromoon qubee kan biraan dhiisii qubee Saabatiinu akka barreeffamuuf gonkuma kan hin barbaadne waan turaniif hojiisaa icitiin hojjachuuf ta’u hin oolu jedhama. Jalqabarratti yoo qubeen Afaan Oromoo kun fudhatama guddaa nannoo Harargeetti argateyyuu, qondaaltonnii mootummaa Itoophiyaa ija sodaatin ilaalun “Oromoo akka of baru godhee tokkummaa biyyattii balaa keessa buusa” jedhan. Kanarraa ka’uun fayyadama qubee kana ukkamsuu jalqaban. Bara 1965tti Sheek Bakrii Saphaallos Dirre Dhawaatti hidhaa manaa jala akka turuu godhan; barsiisuu akka itti fufu garuu eeyyamaniif.

Bara 1968tti, torbanitii si’a lama ykn sadi’i Adelle akka dhaqu eeyyamaniif. Yeroo kana Sheek Bakrii Shalda, kan fuula 20 qabu, kan inni barreesse. Shaldaan barreffama qajeelfama amantii qabate kan fakkeeffame yoo ta’u garuu jalqabaa qubee amma dhumaatti waa’ee bitta garbumma Amaaraa fi hacuuccaa Oromoorra ga’e fi rakkina sirna Hayilasillaase jalatti uummata Oromoorra ga’aa jiru kan qabate ture. Wanti biraa Shaldaa adda godhu, barreeffama guddaa jedhamuu keessaa qubee Sheek Bakrii Saphaallotti fayyadamuun kan jalqabaa fi kan dhumaas ture.

Bara 1978tti, erga Hayila Sillaasen aangorraa bu’ee Dargiin angoo qabatee booda, Sheek Bakrii Saphaalloo fi haati manaan isaa Goola Diimaa (Red Terror) baqachuun gara Somaaliyaa deeman. Achittis buufata baqattoota Hiraan keessa galan. Sheek Bakriin gara Moqaadishoo akka deemuf eeyyama nan argadha jedhee abdatee ture. Moqaadishoos deemee hojjatee barreffama isaa maxxansuuf hawwii qaba ture. Garuu buufata baqattootaa gadi-lakkisee gara Moqaadishoo deemuf eeyyama hin arganne. Haalii buufaticha keessa jirus isaaf nama umuriin saddeettama keessa jiruuf ulfataa ta’e. Achittis yeroo dheeraa erga dhukkubsatee booda bara 1980tti umurii wagga 85tti du’e. Sheek Bakrii Saphaalloon qaamaan haa boqatu malee hojiin isaa hanga baraa baratti firii busaa nu faana jiraata.


Maddi:Barreeffama seenaa hayyoota Oromorraa

DURBUMMAA( VIRGINITY) – Dr.Hiikaa

0

*Durbummaan waan baay’ee haphii ‘ hymen or thin film of membrane’jedhamu,ulaa afaan qaama saalaa durbaa haguugee kan argamudha. ‘Hymen’ kun haphii waan ta’eef yeroo baay’ee qunnamtii saalaa jalqabaa irratti tarsa’a.
‘Hymen’ kun gosa adda addaa qaba, isaan keessaa:
1.haphiifi qaawwa xiqqoo kan qabu (septate): kun gosa dubartootni hedduun qaban ta’ee qunnamtiisaalaa jalabaa irratti ni tarsa’a, jechuun dhiiga xiqqoo qaama saalaa keessaa dhangala’a.
2.duudaa ykn qaawwa kan hin qabne(imperforate): kun tarsa’uudhaaf rakkisaafi yoo tarsa’e ammoo akka malee dhiiguu danda’a. yeroo tokko tokko tajaajila baqaqsanii hodhuutiin malee hin tarsa’u.
3.yeroo tokko tokko ammoo uumamaan dubartootni durbummaa hin qabnes jiru.Kun garuu lakkofsaan baay’ee xiqqoodha
*Dabalataan durbummaan miidhaa adda addaatiin tarsa’uu ykn baduu ni danda’a
Fakkeenyaaf:-
-Ispoortii ciccimoo akka atileetiksii,isplintii,utaalchoo
-Gobaa ykn muka irratti kufuu
-Qorannoo fayyaa qaama saalaa dubartootaa irratti taasifamuun fi.k.k.f
*HUB: Durbummaan takkaa badnaan ykn tarsaanaan deebi’ee hin fayyu ykn hin margu!!! Garuu tajaajila baqaqsanii hodhuu’hymenorrhaphy’ jedhamuun suphuun ni danda’ama.
© Ani kanan jedhu durbaaf durbummaa yoo jenne dhiiraaf maal jenna? Jecha afaan oromoo hin qabuu laata waan kun?Yoo hin qabaanne maal jennee haa moggaafnu?

 

 



=====HORAA BULAA, DEEBANAA=====
*****Dr. Hiikaa*****

Afaan Oromoo osoo Abbaa itti gaafatamummaan irratti hojjatu qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa argata ture.

1

Guddina Afaan Oromoofi Rakkoolee ijoo Afaan Oromootiin walqabatu kanneen beekuu qabnu


 

  • Afaan Oromoo osoo Abbaa itti gaafatamummaan irratti hojjatu qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa argata ture.
  • Guddina Afaan Oromoo kan quucarse Mootummaa Naannoo Oromiyaati.
  • Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’uun dura Afaan hojii Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuu qaba.
  • Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin hundi keenya AFAAN Jaalannu kanaaf maal gumaachine?
  • Yaada Furmaataa……

 

  • Afaan Oromoo osoo Abbaa itti gaafatamummaan irratti hojjatu qabaatee Addunyaarraatti Afaanota Gurguddoo keessaa Sadarkaa 20ffaa ta’a ture.

Yeroo ammaa akka ragaalee Marsaalee Toorarraa tokko tokko agarsiisanitti Sadarkaa Afaanota Addunyaa bara baraan lakkoofsa baay’ina ummata afaan sana dubbatuutiin gulantaaleen guddina Afaanota Addunyaa sadarkaa kan qabatu yommuu tahu, haaluma kanaan Marsaa toora interneetaa heddurratti ni baha, isaan keessaa akka ragaan marsariitii ‘ethnologue.com’ jedhu agarsiisutti Afaan Oromoo baay’inna dubbattootaa osoo Ummatni Oromoo Mil.45-60 qofa ta’eeyyuu Afaan keenya Addunyaa irraa Sadarkaa 20ffaa – 22ffaa qabata ture. Haaluma kanaan Afaan ‘Urdu jedhamu dubbattoota mil.58 kan qabu 20ffaa, fi Chinese[CFR] kan dubbattoota Mil.49 qabu 21ffaa qabateera.

  Hubadhaa: Yeroo ammaa Afaan Oromoo Afaanota Biyyoota Afrikaa keessatti hedduuminaan dubbbatamu keessaa 6ffaa yommuu tahu, Afaanota Afrikaa keessaa immoo 3ffaadha.   Maal goota kaa? keenya Hawaasatu fayyadama malee Abbaan Afaan kun kiyya, dhimmi afaan kanaa na ilaallata jedhee hojjatu hin jiru waan taheef Afaan gurguddoo Addunyaa wajjiin hiriiruu hin dandeenye.

 

  • Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa ta’uun dura Afaan hojii Waajjiraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa tahuu qaba.

MNO Afaan Oromoo akka Afaan hojii isaatti ilaalee hin beeku, kanaaf Waggoota 27’n darban kana keessatti kunuunsi tokkollee Afaan kanaaf godhame hin jiru. Afaan kun sodaa sabni Afaan kiyyaan baradha jedheef qofa kitaaba tokko maxxansanii mana barumsaa qofatti hiruun Afaanicha hin guddisu. Afaan Oromoo kanaaf quucare, Dhimma Afaan kanaa namni Abbaa kanaa jedhu hin jiru, gara Saayinsiif Teekinoolojiitiin dhimma afaan kanaatiif MNO Saantima takka baasuu hin beeku, kun immoo Afaan Ummata Miliyoona 50 ol dubbatu qabu, isaayyuu Dhalattota Afaanii biiya Xoobiyaa kana keessaa qofa, osoo Kanneen biyya alaa jiraataniifi Sabaaf Sablammootni Afaan kana fayyadaman itti dabalamee ammoo hedduu kanarra olka’a.

Kunimmoo kan Naannoo ummanni dhalattoota Afaan kanaa qofa jirutti malee Addunyaatti akka hin babaldhanne sakaale keessaa isa ijoofi jalqabaati. Hanga hardhaallee Adeemsi sun akkasumatti jira. Dhimmaaf waajjira isaanii yoo deemtan namoota 10 keessaa 1 ykn 2tu Afaan Oromootiin nama dubbisa.

#Simpooziyeemii Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa Federaalaa akka tahu BATO fi Yuunivarsiitiin Amboo qopheesse hordofee miira gaarii na keessatti uume.

Afaan Oromoo Afaan hojii Mootummaa federaala haa ta’u erga jennee akkamittii? Afaaniin qofaanimoo gochaa dabalateetuu? Qabatama amma jiruun akkamitti gaaffiin kun milkaayuu danda’a? Afaan kana Afaan hojii Mootummaa Federaalaa taasisuuf Maal hojjachuun barbaachisa, ulaagaa maalii guutuu qaba, Namni Afaan kana baruu barbaade eessaa argatee barachuu danda’a Gaaffilee jedhutu deebii argachuu qaba.

  • Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin hundi keenya AFAAN Jaalannu kanaaf maal gumaachine?

Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin, ofumaafuu fayyadamaa jirraa? Ittiin barreessaa jirraa?, ittiin hojjachaa jirraa? Ilmaan ittiin barsiifachaa jirraa? Aadaaf Aartii Afaan kanaatiif tumsaa jirraa? Maqaa Lafa keenyaa, Maqaa Magaalaa keenyaa Afaan Oromootiin waamnee waamsisaa jirraa? Yeroo takka mee tajaajila geejjibaafi Buufata Konkolaataa yaadadhaa: – ‘Addis Ababa neh’, – ‘tihedale’, – ‘weraj’ – ‘giba’ – ‘xegaa jedhiif’, – ‘boota ale’,fi kkf hedduutu mataa keenyatti dhufa, Kanaafuu ‘Guddina Afaan kanaatiif ati maal tumsaa jirtaree? Maal gumaachaa jirra mee? manni yaalaas, waajjiirri poolisiis, waajjirri kamiyyuu kanuma laaqaa oolu. Kun qabatamaan waajjiraalee Oromiyaa hedduu yoo dhimmaaf deemtan taajjabdaniirtu yoo ta’e nama dhimmaaf dhufe silaa Afaan Amaaraatiin duubisu, kan nama ajaa’ibummoo hojjatumti mana keessa jiru dhimma walii isaaniiyyuu Afaan Oromootiin nama dubbatu dhagahuuf dharraatu, hundi Afaan Amaaraa yaabbatee oofa.

Yeroo ammaa Biiroolee Waajjira BMNO kaasee hanga Aanaaf Gandaatti bu’u hojjattootni dhibbeentaa 65% olitti tilaamamu Afaan Amaaraatiin ofii fayyadamuu bira darbee hawaasa Afaan kana hin dhageennellee dirqamaan dubbadhu Ani Afaan Oromoo hin beeku hanga jechuutti gahaniiru, Hawaasni Afaan oromoo waan dubbatuuf tajaajila argachuu dhabee waajjiraa ari’atame qabatamaan argaa turre. Haala kanaan MNO gaaffii ummanni gaafachaa jiru deebifna jedhee Afaan federaalaa taasisuuf tattaaffiin gochaa jiru gaariidha kan nama jechisiisu ta’us Faayidaa Siyaasaa bira kan darbe faayidaa addaa natti hin muldhatu, Gaaffii Boqonnaa Afaan Oromoo afaan Hojii Federalaawaa akka tahu jedhame deebifneedhaaf yoo taate malee.

  • Yaada furmaataa

Yoo Dhugumaan Mootummaan Afaan kana ceesisuu barbaade, Tarkaanfii kanneen asii gadii kana hatattamatti fudhachuu qaba. Isaanis:

1ffaaGaree(Waajjira) Addaa kan hatattamatti dhimma Afaan Oromoo qofarratti hojjatu hundeessuu.

– Gareen kun Hayyoota Afaanii, Hayyoota Seenaa, barsiisotaafi barattoota Muummee Afaanii Barnoota Olaanaarraa fi Ogeessota Tekinoolojii kanneen ilmaan Oromoo tahan kutaan, Amantiin, gandaa, ykn Dhaaba Siyaasaatiin osoo hin daangeffamin ofkeessatti hammachuu qaba ykn ammoo Garichi dhiibbaa Siyaasaa kamirraayyuu bilisa tahuu qaba jechuu kooti.

– Garee kanaaf Mootummaan Baajata barbaachisaa ramaduu qaba. – Kana booda Garichi akkaataa dandeettiifi hayyummaatiin miseensotaaf caasaa too’annaa(Management Structure) qopheessa. Garichi Boordiidhaan hoogganamuu danda’a, kunimmoo miseensotni hojii guyyaa guyyaan hojjatan adeemsa itti too’achuuf tolu kan haala mijeessuufi hojii saffisiisu ta’a natti fakkaata Sana booda Gareen kun Karoora Gabaabaafi dheeraa(Short term and long Term Plan) baafatee:

– Jalqabarratti Afaanumti Oromooyyuu sadarkaa maalii irra akka gahe qorata. – Qoranichi Jabinaafi hanqina Afaan kanaa adda baafatee dhiyeessa

– Jabinaafi Hanqina dhiyaate irratti hundaayee gareen kun Guddina Afaan kanaatiif Afaan kana dorgomaa taasisuuf hojiilee hojjatamuu qaban walduraa duubaan tarreessa. – Miseensotni asiin olitti eeraman akkaataa barbaachisummaafi dandeettiisaaniitiin iddoo iddoo isaanii qabatanii karoora qabameen Afaan kanaaf gumaacha barbaachisu gochuu qabu.

– Kutaaleen hawaasaafi ilmaan oromoo kamuu deeggarsa isaanirraa eegamu bahuun dirqama taha. * Ani, ati, isheen, inni, isaan, isin fi hundi keenyaayyuu dhimmi Afaan kanaa nu ilaallata jennee halkanii guyyaa irratti hojjachuun dirqama akka tahe hundi keenya hubachuun dirqama taha. Kana yoo hin taane, Afaan Oromoo dubbattoota Miliyoona 60 ol qaba jennee afaanumaan dhaadachaa kan deemnu ta’ee hafa.  


HORAA BULAA DEEBANAA

Waan itti dabale ykn waan hanqise ykn dogoggora yoo qabaadhe Ijaaf arraba irraa na hambisaa


Abdisa Bencha Jara

IT Specialist and technical Consultants

CEO/Director of Qubee Tecnologies|OROMO ICT<oroict.comm>

<<Kaayyoon keenya Hawaasa keenyaaf furmaata Tekinoolojii tahuudha!>>

Cell: +251904432625 /+251911660303

Email: oromoict@gmail.com or info@oroict.com or contact@oroict.com

Web: www.oroict.com – ICT Consultancy(Dhaabbata Tekinoolojii Qubee)

: www.afan-oromoo.com – Marsariitii Barnoota Afaan Oromoo

: www.hojii.net – Employment Company

: https://fayyaa.afaan-oromoo.com – Health Advice

Akka seenaa Oromootti Safuu, Woyyuu fi Woyyooma

0

************************************************************************
Ummani kuush Gurraachi Uumamaa fi Uumaa isaatiif ulfina /kabajaa olnaa qaba.

Ayyaana Irreecha Oromoo

Ummata gurraacha kuush keessaa ammoo Ummanni oromoo safuu Uumamaa fi Uumee isaatiif Eeguudhaan kan dhalootaa dhalootatti dabarsuudhaan asiin gaheedha.

Uumamaa fi Uumee yoo jennu:-Uumamni uumama Waaqni uumeedha. uumaan ammoo Waaqa tokkicha.

Sirna Araara ABO fi ODP – Ambo

Akka dhugeeffannaa Oromootti, #Safuun seera uumaa umamaa isa jalqabaa yookin ganamaati.
Hariiroon uumaa fi uumamaa (lubbuu qabeeyyii fi lubbu dhabeeyyii) gidduu jiru #Safuu jedhama. Uumamni marti Safuu uumaan isaanii kenniteen qajeelfama.

Akka Oromoon jedhutti Safuun yoo jal’ate ykn cabe,madaalliin uumamaa ni jeeqama Balaa, gidiraa, rakkoo, cubbuu fi kkf Walaabuutti dhufa. jeequmsatu Walaabu keessatti uumama.
.
Seerri Makkoo Biliitis Safuu ilaalchisee akkana jedha
“Ilmi abbaaf haadhaa Safuudha; Saafuu waliif haa Kennan! Saalfii fi qaanii wal haa hedatan, kabaja walii haa kennan! ” jedha. Waan kana ilaalchisee ammo Seera Ulfaata, #Woyyooma (Woyyuu) jedhamutu jira.
.

Abbootii Gadaafi Haadha Siinqee

#Woyyuu, jechuun gabaabumatti, aadaa Oromoo Keessatti: Ilmi, nama abbatti ooluuf, dubartii
haadhatti ooltuuf, Ykn nama ilmatti namaa oolu, Soddaa Soddaatii wajjiin, warra roga kanaan wal-
Kabajaniin jechuu dha.

Fakkeenyaaf, Dubartiin haadhatti yookiin intalatti namaa ooltu, namni abbatti yookin ilmatti namaa oolu marti Woyyuu.

Woyyoomni ammo aadaa Oromoo Keessatti Seera ulfaataa. Namni tokko akkuma intala gosa Isaa taate wajjiin hin ciifneefi hin fuunellee san, dubartii intalatti ooltuuf (ta abbaa tawuuf) [“Sugar Daddy”] yookiin ammoo, ta haadha Isaa taatuu [“Sugar Mummy”] wajjiin hinrafus hin fuudhuus jechuu dha,  Seera aadaa ka Woyyoomaatu dhoorga.Akkas gochuun Safuu uumaa fi uumamaa cabsuu ykn jallisuu dha!!!

Kanumaaf ummanni oromoo yoo Eebbifatu/faateffatu.

Irreeffannaa

Hayye Waaqa
Waaqa Uumaa
Waaqa Uumama Maraa
Waaqa jechuun kan hundaa

Gurraacha Garaan garbaa
Tokkicha maqaan dhibbaa
Leemmoo Rooba taliilaa
Waaqa bokkuu gurraachaa
Waaqa ciicoo gurraattii
Waaqa haroo wolaabuu

Ateetee Dubartoota Oromoo

Waaqa sagaltama garbaa 
Waaqa saglan booranaa
Waaqa saddeeta marsaa gadaa
Waaqa torban baareentuu
Waaqa jahan wayyoomaa
Waaqa Gadaa shananii 
Waaqa shanan tuma odaa oromoo
Waaqa afurtamman gadoomaa
Waaqa soddomman Uumee ambaa
Waaqa lamaan orom kan Booranaa fi Baareentuu
Tokkicha hundaa olii.

Uumama maraa qajeelchitee
Samii utubaa malee dhaabdee
Lafa dhisaa malee diriirsitee
Biiftuu bahaan baaftee dhihaan buuftee halkanii fi guyyaa uumtee
Woraana malee loltee
Araara malee toltee
Yaa’ii/gumii malee waamurtee
Si waamannu nuu dhuftee.

Jechuudhaan Ummanni Oromoo Uumaa isaa akkanaan dhugeeffata. Ummanni kuni waaqa isaa akka kanaan beeka jechuu dha.

Ummanni oromoo Uumaa qofaa miti Waan Waaqni uumefis iddoo guddaa kennudhaan ni kabaja safuu uumamaa uumee eeggata waan lubbuu qabaa akkuma argetti lubbuu isaa hin baasu hattaa biqltootaayyuu akkuma arge hin muru hin ciru hin barbadeessu osoo gogaan jiru jiidhaa hin muru osoo dabaan jiru qajeelaa hin muru ni kunuunsa.

Woyyooma ni Eeggata ni kabaja ni ulfeeffata.Woyyuu/woyyooma jechuun Ummata oromoo biratti ulfina fi kabajaa guddaa kan qabuudha. Kanumaaf Oromoon waan jahan woyyuu jedha.


Jahan woyyoomaa Kan jedhaman:-

Ummata gurraacha kuush keessaa ammoo Ummanni oromoo safuu Uumamaa fi Uumee isaatiif Eeguudhaan kan dhalootaa dhalootatti dabarsuudhaan asiin gaheedha.
Uumamaa fi Uumee yoo jennu:-Uumamni uumama Waaqni uumeedha. uumaan ammoo Waaqa tokkicha.
Akka dhugeeffannaa Oromootti, #Safuun seera uumaa umamaa isa jalqabaa yookin ganamaati.
Hariiroon uumaa fi uumamaa (lubbuu qabeeyyii fi lubbu dhabeeyyii) gidduu jiru #Safuu jedhama. Uumamni marti Safuu uumaan isaanii kenniteen qajeelfama.
  1. Waaqni woyyu
    Kanumaaf Waaqni woyyuu nu wayyi jedhama
  2. Lafti woyyu
    Kanumaaf Lafti wayyuu nu wayyi jedhama
  3. Qaalluun woyyu
    Kanaaf Qaalluun wayyuu nu wayyi jedhama.
  4. Soddaa fi soddaatiin woyyu
  5. Jaalaa fi Jaaltittiin woyyu
  6. Abbaa fi Haati woyyuu nu woyyi jedhan


Woyyoomni ummata oromoo biratti waa jahan kana qofaa osoo hin taane.hedduu dha fkn meeshaa kabajaa ulfoo oromoo kan akka kallachaa bokkuu , callee caaccuu siinqee hororoo gaadii halangee kanumaaf elmituu gaadiin woyyuu hayyichaa halngeen ykn shabbeenni woyyuu jedhamama

Barreessaan: ABDIISAA BAANCAA JAARRAA.

Maddi: Kan dubbisee fi Aadaa keessatti guddadherraa

There are currently 9208 Words(Jechoota) in this directory

Please select a letter from the index (above) to see entries



Submit a Word(Jecha)