‘Google niyyuu kan isin jaallatu yoo namni hojii keessan jaallate qofa’. - Dubbisaa Barreessitoota keenyaan gahaa.
Yeroo ammaa barreessitoota Toorarraa(Bloggers), hedduun keenya Feesbuukii qofa haa fayyadamnuuyyu malee Bareessitoota heddu horachaa jirra. Kun Addunyaa gara biraatiin walbira qabamee yoo ilaalamu tasuma kan walhin madaalle ta’uuyyuu, Ikonoomii biyya keennaa irratti hundaayuun jalqabbiin kuniyyuu gaarii akka tahetti tilmaamuun gaariidha.
Haata’uutii jalqabbii kanaanuu ulaagaaleen akka Idil-Addunyaatti hojiirra jiran hoo biyya keenya keessatti maalfakkaata, namoota dhuunfaan toorarratti barreessan dhiisaa dhaabbileen Gurguddaan baajata ofdanda’een, hojjataa dhimma kanaaf ramadee hojjachaa jiruuyyuu ulaagaalee Idil-Addunyaa kana hundas tahuu baatu kanneen hojiirra oolchan jiraa yoo jenne, Deebiin ifa. Innis Hangi muraasni sanuu ulaagaa hunda eeggataa osoo hin taane Dhaabbileen heddu hanga Faayidaa Marsariitiilee(Website/Blog) hanga hin hubatin irra kan jiraniidha.
Kun ammoo Biyya keenya imala amma jalqabdeef miidhaa guddaa
fi dhiibbaa duubatti harkisu keessaa isa tokko jedheen
amana.
Yaadattuu: gaafa Dr.Abiyi-Ministeerota walitti qabee kana
booda hojii keessan Marsariitiidhaan gadi lakkiftanii
ummatni waan isin hojjattan gamaggama yeroo jedhu
dhaabbileen Mootummaa sanuu sadarkaa Ministeeratti hangam
akka rifatan?
Walumaagalatti Qabiyyee Ulaagaa guutuu
dhoobuun bu’aa heddu qabaata: Isaan keessaa:
- Hordoftootni keenya jaalalaafi gammachuun erga dubbisanii,
maxxansa keessan itti aanus abdiin eeggatu.
-Galii argamsiisuu danda’a. Kunimmoo tooftaalee hedduun,
Dhaabbilee ogeessa ogummaa qabu barbaadan irraa ykn
Toorarraa(Google) irraa. ‘Yoo hordoftootbi keessan
isin hin jaalanne Google illee isin hin jaalatu kan
jedhamuufs kanumaaf.
- Qulqullina hojii keessanii olkaasa, dhaabbileefis tahee
dhuunfaaf Maqaa(Brand) fi ilaalcha gaarii hawaasa keessatti
babaldhisa.
-Dubbistoota hedduu akka uumaman carraa bana. waan gaarii
nama heddutu dubbisuu fedha waan taheef.
- Ergaa ykn dhaamsa ykn yaada hin badne ykn yeroo dheeraaf
turu akkasumas salphatti barbaadamee argatamu olkaayuuf
carraa uuma.
-Ergaa ykn dhaamsa, ykn yaada gareefis tahee miidiyaaf
akkasumas qorattootaaf wabii tahu hedduumessuuf. Fkn: Ibsa
babaldhaa hedduu namootni akka Jawar Mohammed Yaya Beshir,
Birhanu M Lenjiso, Girma Gutema, Birhanemeskel Abebe
Segni,fikanneen biroo barreessa turan eessa barbaadnee
arganna amma?
fi kkf hedduudha.
Kanas tahee san, Amma furmaanni jiru Hojii Ogummaan deeggarame biyya keessa diriirsuuf deeggarsa Ogumma kennuuf kunoo qophii xumurreerra, Boru Waajjira qabnu guddaa tokko OBN takka jennee hojii eegalla. Dhaabbileen Leenjiifi gahumsa ogummaa kanaa sadarkaa Idil-Addunyaatti Hojjataas tahee dhuunfaa cimsuu barbaaddan Haloo nuun jedhaa.
Waan hanqisa ykn dogoggore na sirreessaa
Obboleessa keessan Abdisa Bencha Jara