Jechoota Hayyoota Addunyaa
1) Namoonni hedduu gorsa yoo fudhataniyyuu,kanneen itti
fayyadaman beektota qofa.(Thomas Takias)
2) sababa teessee ilaaltuuf namoonni gurguddoo sitti
fakkaatu. Kanaafuu ka’i.
(Jecha warra Ingilizii)
3) Ifa arguuf dukkana halkanii dabarsuun dirqama.(wiiliyaam
sheekispir)
4) Kaleessaaf gaabbuu fi boruuf dhiphachuun guyyaa har’aa
balleessuudha.
(Maaksim Troobey)
5) Cabbii caalaa yoo addaatteyyuu, urjii caalaa yoo
qulloofteyyuu ceephoo jalaa bahuu hin dandeessu.(William
shekispir)
6) Addunyaa kana jechi ibsu hin jiru.(Jecha warra
Morookoo)
7) Nama carraa qabu galaanatti yoo darbatteyyuu qurxummii
afaanitti qabatee baha.(Jecha warra Arabaa)
8) Namni suuta deemu dafee bakka yaade gaha.(jecha warra
chaayinaa)
9) Daandii bakka yaadde si geessitu osuu hin beekiin adeemsa
hin jalqabiin.(Jecha warra Ingilizii)
10) Namni waan hundumaa hawwu nama guddaadha.Namni waan
argachuu danda’u qofaa hawwummoo nama ogeessadha.(Jecha
warra Aayilaandii)
11) Namni dogoggorsasaa mul’isee himatu akka nama kosii
manaa haruuti.(Maataammaa Gaandii)
12) Nama tokko dogoggorasaarraa deebisuun hojii
guddaadha.(Abirahaan Liinkan)
13) Namoonni hammuma gammachuuf of qopheessan
gammadu.(Abirahaam Liinkan)
14) Namoota biroodhaaf hin yaadnu yoo taane,waanta namaaf
gochuufii dandeenyu yoo dhiifne burqaa gammachuu tokko Akka
gogsine beekuu qabna.(Rey Liiman Wiilber)
15) Gammachuu fi shittoon walfakkaatu.Osuu namootaaf
biifanii ofiis urgeeffatu.(Maaliif Waaltoo Imarsan)
16) √ Maalaqni nyaata malee fedhii nyaataa hin bitu.
√ Maalaqni qoricha malee fayyaa hin bitu.
√ Maalaqni hordoftoota malee hiriyaa hin bitu.
√ Maalaqni Hojjettoota malee Amanamtoota hin bitu.
(Heenriik Ibsan)
17) Namoonni hedduun abdii fuula duraa qaban abjootanii
yeroo gammachuu abdiidhaan eeggatu. Garuu guyyaan har’aa
guyyaa hundumaarra guyyaa addaati. Sababnisaa guyyaan har’aa
harka kee keessa seentee jirti.(Charles Koltan)
18) Har’i akka ta’etti yoo qabaatti siif galte malee Boris
hin amanamtu.
(Toomaas Diiriyes)
19) Waanti nuti sodaachuu qabnu sodaa qaofadha.(Franklin
Ruzvelt)
20) Baay’inni rifeensaa,baay’inni copha bokkaas, akkuma
beekamuu hin dandeenye baay’inni rakkinaas sammuu nama
mul’ataa xureessuu hin danda’u. Namni akkasii madaala
jireenyasaatii ni eega.(Seeneka)
21) Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma
namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti
mul’achuu hin danda’u.(Konfiishiyees)
22) Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu
hiriyoota keetiin mari’adhu.(Robert Luis Stevens)
23) Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo
qaba.(Andire Morwa)
24) Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa
injifatummoo nama hundumaa caala.(Laawoo 8ffaa)
25) Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko
qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha.(Kanan
Frederik Furar)
26) Miirri injifannoo kan madaalamu injifachuu qofaan osuu
hin taane,yommuu kufanis tattaaffii gochuudhaan ni
madaalama.(Oliver Gold Smiz)
27) Irra deddeebi’anii yaaluun salphina miti.Carraa gaarii
ta’uusaatu ittiin safarama.(Joorjii maatiyaas)
28) Waanti nama beekamaa si taasisu waanta ta’uu barbaaddu
taatee argamuudha.(Sokirates)
29) Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan
ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi.(George Barnaad show)
30) Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa
isaaniitiin malee…
(wiiliyaam Muuldan)
31) Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu
yaaddu,gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda’utu si dura
dhaabbata.(Antuwan Tekov)
32) Karaan ittiin gammachuu argatan tokkicha.Innis muddamaa
fi sodaa human keenyaa olitti nutti dhufan jalaa
miliquudha.(Monten)
33) Namni tokko amaloota sadii(3) qaba. isaanis:
√ Amala inni agarsiisu
√ Amala inni qabuu fi
√ Amala inni qaba jedhee yaadu.
(Alfans Kar)
34) Namni hiriyaa isaatiif gammachuu hin yaadne rakkinaaf
saaxilamaadha. Namni akkasii ofiisaa qofa osoo hin
taane,namoota biroos ni madeessa.Kufaatiin namaas eenyummaa
akkasii irraa dhufa. (Alfred Adiler)
35) Haala si mudatu waliin jireenta kee walfudhachiisuuf
yaalii godhi malee ‘akkan barbaadu ta’uu qaba’ hin
jedhiin.(Abraham Liinkan)
36) Otuu of hin gargaariin eenyumaaniyyuu gargaaruu hin
dandeessu.(Gris Mori)
37) Galaanni yeroo hundumaa waan yaa’uuf Namni tokko yeroo
lama cehuu hin danda’u.(Hirik Litas)
38) Balaa namatti dhufe injifachuuf tarkaanfiin jalqabaa
waanta raawwate galataan fudhachuudha.Rakkoo si mudate
akkuma jirutti fudhachuuf eeyyamamaa ta’i.(William James)
39) Jireenyi Kenya waanta yaadni keenya uumudha.(Mark
Awurias)
40) Sammuu Keenya keesaatti Jannataa fi Gaanamiin uumuu ni
dandeenya.(Milten)
41) Amma rakkinni si rakkisutti ati hin rakkatiin.(Jecha
Ameerikaanotaa)
42) Jireenya keessatti waanti nuti akka karooraatti qabannu
waanta lamatu jira.Inni jalqabaa waanta barbaannu argachuu
yoo ta’u,Inni lammaffaan immoo waanta argannetti
gammaduudha.Namoonni karoora isa lammaffaatti gammadan garuu
beektota qofa.
Madda:Kitaaba saayikooloojii(ICCITII MILKAA’INAA) kan Norman
V.Pill barreesse. Qannoo Addisuu Afaan Oromootti hiikee
Hinseenee Makuriyaa akka gulaaletti.Fuula 224-229 tti kan
jirurraa. Namoonni kitaabicha hundasaa dubbiftan
carroomtaniittu.Aadaa kitaaba dubbisuu haa dagaagfannu.
43) Namni waan qabutti hin gammanne osoo maaluu argatee hin
gammadu.(Hoomer, Abbaa walaloo Giriik)
45) Waa fudhachuu irra waa kennuuti caalaa nama
gammachiisa.(Kitaabicha keessaa)
46) Namni guddaan(real man) eenyumaanuu of hin
madaalu.(kitaabicha keessaa)
47) Namoonni baayyeen sababii kophaa ta’aniif mukaa’u;Ani
garuu nama Mukaa’aa waliin jiraachuutu na mukeessa(Ifargan
Gudeta,Alex)
49) Yoo nama jabaa ta’uu barbaadde jireenya kophaatti
gammaduu bari.(Alex)
50) Namoonni bayyeen addeessa kan koraniif namoota jalaa
isaan utuban waan qabaniifi.
Maddi Kan dubbifnerraa
AFAAN OROMO - Oromo Language