Ilmii namaa wantoota isaaf barbaachisu keessa inni tokko walqunnamtii saalaa dha. Waliin jireenya ilma namaa keessattuu saala faallaa, jireenyaaf waliin jiraatan keessatti/gaa’ela keessatti Walqunnaamtiin saalaa ga’ee ol’aanaa qaba. Walqunnamtiin saalaa ijoollee horachuun ala bu’aa hedduu qaama keenyaaf kan buusu qaba.
Kanaafuu, imala Waliin jireenyaa keessatti waan ilmi namaa uumamaan barbaadu tana irratti xiyyeeffannoo kennanii walitti mi’eessuu danda’aniin irratti dursanii walii beekuu ykn walhubachuu ykn iftoominnaan waliin mari’atanii walhubachiisuudhaan fedhii walii guutanii walgammachiisuun barbaachisaadha. Kuni immoo waliin jireenyi namoota sanaa akka umrii dheeraa qabaatuuf gahee olaalaa akka qabu qorannooleen heddu ni agarsiisu
Yeroo heddu, rakkoon walfakkaataan irra deddeebiidhaan biyyoota adda addaatti muldhatu jira. Inni kun yeroo baay’ee hanqina shammarroota irratti mul’atu yoo tahu dhiirota irrattis hamma tokko ni mul’ata. Innis Saalfachuu, fedhii ofii osoo hin gammadin dhokfachuu, osoo fedhii walqunnamtii saalaa rawwachuuf fedhii guddaa qabu saalfachuun dhoffachuu, ykn osoo inni tokko fedhii olaanaa qabu inni kaan jalaa-diduu fi kkf rakkoolee irra deddeebiidhaan mudatan qofa osoo hin taane, namni fedhi qabu sun ala-bahee akka filannoo biraa barbaadatuuf kan haala mijeessuu fi yeroo heddu jireenya namoota akkasii sana akka diigamuuf kan kan gahee olaanaa akka qabus hayyootaan ni himama.
Haaluma walfakkaatuun, waliin jireenya keenya
keessatti, Tooftaaleen muraasni Akkamitti Wal-qunnamtii
Saalaa walitti Mi’eessuuf gargaaran:
❤️1- Akkamitti Wal-qunnamtii Saalaa gahaa
raawwachuu
- Jal-qaba irratti wal qunnamtii saalaa gahaa raawwachuuf
ilma namaatif sporti,bashannanuufi kkf murteessa dha.
❤️2- Ija keessaa wal laaluun fedhii walii beekuu.
~ija keessa wal ilaaluun fedhii walii beekuun qaamni
keenya hundi wal qunnamtiidhaf akka qophaahu taasisa.
❤️3-
Uffata halkanii marachuu dhiisuu fi ifaa
dhaamsu
dhiisuun wal qunnamtii saalaa mi’eessa.
~inni kun yeroo baay’ee kan mul’atuufi fedhii walii eeguu
irratti dhiibba kan fiduudha.
Jaalalleewwan lamaan uffata
haguuggatanii ifaa dhaamsanii yoo wal qunnaman;
A) Wal arguu wan hin dandeennef isaan
lachenuu wal qunnamtii armaan dura raawwatan isheenis
dhiira wajjiin ciiste innis shamara waliin ciise ykn
isheenis dhiira isa irra bareedu innis shamara ishee irra
bareeddu uf afoo fiduun yaadatu wan dandahaniif.
B) Yoo haguuggatan dafqi uumamuu wan
dandahuuf fooliin adda addaas uumamuu dandaha. Kanaaf
haguuggii dhiisuu.
❤️4- Ija keessa wal ilaalaa harkaan rifeensa walii
qaqqabuu fi wal dhungachuu.
~ Ija keessa wal ilaaluun fedhii walii eegaa deemuu fi
tokko tokko dura akka fedhii hin xummurref gargara.
~ harkaan rifeensa walii qaqqabuun jaalala walii kan ibsu
fi natti tolaa jirtaf natti tolaa hin jirtuu kan ittiin
waliif ibsaniin yoo ta’u
~ Dhungoon immoo al tokko qofa wal qunnamtii saalaa
raawwatanii akka hin dhaabanneef fedhii duubaan jiru akka
uumuu fi wal qunnamtii akka mi’eessuf gargaara.
❤️5-Qulqulleessituu ykn gogsituu uf bira kaahuu fi
Naannoo qaama saalaa dhiqachuu.
~ Gogsituu uf bira kaahuun yeroo tokko tokko dhiirota
harka fedhiin dafee bahuu dandaha sila taheef; akka
fedhiin ishee hin qabbanoofnef dafanii gogsuun
barbaachisaa dha.
~ Al tokko fedhii isaanii yoo xummuran kan lammataatiif
itti fufuun wan dandahamuuf osoo gara 3ffaatti hin tarre
naannoo qaama saalaa innis taanaan keessattu isheen
dhiqachuun murteessa dha. Yoo dandahame immo akkuma fedhii
jalqabaa xummuraniin osoo kan lammataatti hin dabarre
dhiqachuun irra wayyaa dha.
Maddi: page keenya xalayaa jaalalaa