Dhukkubni Juuzamii dhukkuba daddarbaa baakteriyaa Mycobacterium Leprea jedhamuun dhufudha. Dhukkuba kanaan wolqabatee hawaasa keenya keessa hubannoo ykn odeeffannoo sirrii hin tahin heddutu jira. Isaan keessa akka waan sanyiin daddarbuu fi abaarsa waaqaatiin dhufuu, akkasumas dhukkuba yaalamee fayyuu hin dandeenye fi nama cubbuu ykn sanyii badaa irraa dhalate irratti mul’ate godhamee laallamuu fa’atu jira. Kun hundi ammoo sirrii kan hin ta’iniifii dhukkubni kun kan baakteeriya daddarbaa ta’een dhufu ta’uun isaa habatamuu qaba.
Namoota baakteriyaa dhukkuba Juuzamii fiduuf saaxilaman
keessaa muraasa isaanii qofatu dhukkuba kanaan hubamuu
danda’a. Isaan parsantii 95 ta’an baakteeriyaa kanaaf
saaxilamaniyyuu dhukkuba kanaan akka hin qabmneef sirni
ittisa qaamaa keenya kan dhoorku ta’a jechuudha. Isaan
parsantii shan ta’an kan dhukkuba kana horachuu danda’an
ammoo:
* Isaan nama dhukkuba kana qabuun wojji hariiroo dhihoo
woggaa dheeraa qabaatan
* Isaan sirni ittisa qaamaa isaanii sababa garagaraatiif
dadhabaa ta’e. Fkn Isaan yaala qoricha kaanserii
fudhatan
* Sababa ifa hin ta’iniif shamara caalaa dachaa hanga
lamaatiin dhiira irratti hedduminnaan mul’ata.
* Dhukkubni Juuzaamii irra jireessaan biyyoota guddataa jiran keessatti mul’ata. Namoota magaalaa caalaa kan baadiya irratti, akkasumas isaan galii jireenya gadi aanaa fi nyaata madaalama hin arganne irratti isaan kaan caalaa mul’ata.
- Haalli baakteeriyaan kun nama tokko irraa kan biraatti dabaru un ammoo hariiroo wolitti dhihoo yeroo dheera qabaatan irraa hafuuraan gara sirna hargansuu nama kaanii seenuuni jedhamee amanama.
- Garuu waan gogaa irratti bahe sana tuttuquun qorannoo hedduu irratti daddarbuu dhukkuba kanaaf shoora guddaa akka hin taphanne mul’isa.
* Uffata wolii uffachuun, siree tokko fayyadamuun, wojjin nyaachuun, fi mana fincaanii tokkotti fayyadamuun dhukkubni kun nama isa qabu irraa gara nama kaanitti hin darbu.
Mallattoon dhukkuba kanaa maali?
* Dhukkubni Juuzamii irra jireessaan gogaafi narvii keenya
kan miidhudha.
~ Mallatoon isaa ijoon: Gogaa keenya irratti iddoo muraasa
daalachayee ykn xiqqoo addaatee mul’atudha. Iddoon kun
ammoo miira dhukkubbi fi yoo tuttuqan mirri kan itti hin
dhagahamne ta’uu isaa irraa kan ka’a mammada’uu kan
danda’udha. Dabalataaniis iddoon sun miira hoo’aa kan
addaan hin baasne ta’uu irraa kan ka’e haaluma salphaa
ta’een gubachuu danda’a.
~ Kuun ammoo narviileen keenya tokko tokko ni gurguddatu
akkasumas yoo tuttuqan dhukkubbii qabaatu; kana ammoo
ogeeyyileen fayyaa kan adda baasan ta’a.
~ Namoota parsantii 50 ta’an irratti ammoo sochii ykn
tattaafii sirni ittisa qaamaa keenya baakteriya kana
balleesuuf godhu keessatti iddoon gogaa sun i’iita’uu,
madaa’uu, waan akka kormommaa fi finnisaa fa’a funyaani fi
gurra keenya irratti mul’achuu.
~ Turtii keessa lafeen harkaa fi lukaa nyaatamuun, akkasumas harki ykn lukti kenya madaa’ee miidhamuu irraan Kan ka’e qubbin harkaafii miilaa nyaatamuu danda’u.
Yaalli isaa hoo akkam?
* Yaalli isaa baay’inna mallatoo googaa irratti mul’atee
fi narvii miidhame irratti hundaa’uun ji’a jaha ykn ji’a
kudha lamaaf qoricha fudhatamu ta’a.
* Qoricha kanniin ammoo guyyaa digdamii saddet saddeetiin
mana yaalaa san deema ilaalamaa kan fudhatamu ta’a.
* Yaala dhukkuba kanaa keessatti inni ijoon qoricha addaan
kutuu dhabuudha. Qoricha yoo addaan kunne baakteriyaan sun
qoricha kaana haala salphaa ta’een dandamachuu danda’a,
kanaaf qoricha kannin (yoo ogeessi ajaje malee) gonkumaa
addaan kutuun hin barbaachisu.
* Hubannoo gahaa hawaasa keenya keesaatti uumuun, dhukkubni kun kan yaalamee fayyu ta’uu ibsuuniifi namoota mallatoon kun irratti mul’ate yeroodhaan gara mana yaalaa dhufanii akka yaalaman gochuun shoora nurraa eegamu taphachuun barbaachisaadha
Ulfaadhaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta’aa, fayyaa dahaa!
©Dr. Nuredin L.