****Fayyaan faaya****
1. Erga miilla dhiqannee booda miila keenya kafanaan
haxaawuu
qabna. Kun seelotaa gogaa irratti dudu’anii hafan
baakteeriyaa
keessummessan waan balleessuuf
2. Miilla keenya shayiidhaan (tea) dhiqachuu (sukkaara
osoo hin
taane shayii). Kunis asidiin tannic acid kan shayii
keessatti argamu
waan gargaaruuf. Guyyaatti daqiiqaa soddoma torban tokkoof
walitti
fufnee miilla keenya keessa kaa’uu qabna.
3. Bishaan ashaboodhaan bulbullee miilla keenya ittiin
dhiqachuun
gogsinee osoo bishaan biraa itti hin dabaliin gogsinee
dhiisuu.
4. Miilla keenya gogsuu qabna. Kunis baakteeriyaan jiidha
waan
jaallataniif akka carraa hin arganneef.
5. Antiperispirant kan dafqa ittisan kan yeroo baayyee
bobaa
keenyaaf fayyadamnu miilla keenyaafis fayyadamuudhaan akka
hin
dafqine ittisuu dandeenya. Kun jiidhina balleessuudhaan
akka
baakteeriyaan wal hin horre godha.
6. Daakuu (Powder) baking soda bishaanitti naquun ittiin
miilla
keenya dhiquu. Kun alkaline yokaan beeziii waan tahuuf
baakteriyaa irraan miidhaa gaha.
7. Vinegar bishaan waliin walitti makuun miila keessa
kaa’achuun
asiidiin vinegar keessa jiru akka gargaaru taasisa.
8. Kaalsii yeroo yeroon jijjiirrachuu, yoo boqonnaa
fudhannu kophee
baaqqee (sandels) kaa’achuu, kophee yeroo yeroon
dhiqachuu,
Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa