****Fayyaan faaya****
1. Erga miilla dhiqannee booda miila keenya kafanaan haxaawuu
qabna. Kun seelotaa gogaa irratti dudu’anii hafan baakteeriyaa
keessummessan waan balleessuuf
2. Miilla keenya shayiidhaan (tea) dhiqachuu (sukkaara osoo hin
taane shayii). Kunis asidiin tannic acid kan shayii keessatti argamu
waan gargaaruuf. Guyyaatti daqiiqaa soddoma torban tokkoof walitti
fufnee miilla keenya keessa kaa’uu qabna.
3. Bishaan ashaboodhaan bulbullee miilla keenya ittiin dhiqachuun
gogsinee osoo bishaan biraa itti hin dabaliin gogsinee dhiisuu.
4. Miilla keenya gogsuu qabna. Kunis baakteeriyaan jiidha waan
jaallataniif akka carraa hin arganneef.
5. Antiperispirant kan dafqa ittisan kan yeroo baayyee bobaa
keenyaaf fayyadamnu miilla keenyaafis fayyadamuudhaan akka hin
dafqine ittisuu dandeenya. Kun jiidhina balleessuudhaan akka
baakteeriyaan wal hin horre godha.
6. Daakuu (Powder) baking soda bishaanitti naquun ittiin miilla
keenya dhiquu. Kun alkaline yokaan beeziii waan tahuuf
baakteriyaa irraan miidhaa gaha.
7. Vinegar bishaan waliin walitti makuun miila keessa kaa’achuun
asiidiin vinegar keessa jiru akka gargaaru taasisa.
8. Kaalsii yeroo yeroon jijjiirrachuu, yoo boqonnaa fudhannu kophee
baaqqee (sandels) kaa’achuu, kophee yeroo yeroon dhiqachuu,

 



Fayyaan faaya
Dr. Gurmeessaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here