DUBARRI AKKA HIN DUBBISNE DHIIRA QOFAAF!!!!
Dhibee ka’uu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa (Impotency )
****************
Qaamni saalaa dhiiraa kan dhaabbatu (erection) yoo hormooniin
sammuu keessaa gadi lakkifamee ujummoolee dhiigaa qaama
saalaa dhiiraa keessatti argaman dhiigaan guutuudhaan dhiibbaa
(pressure) uumudha. Haalli kamillee kan kana dangeessu, qaamni
saalaa dhiiraa dhaabbatee walqunnaamtii akka hin raawwanne
dhorka, osoo fedhii qabuu jechuudha. Yoo fedhii hin qabaanne
garuu inni kan biraati malee dhukkuba kanaan walqabachuu dhiisuu
danda’a (decreased libido).
Dhibeen kun akkuma umuriin dabaleen dabalaa deema. Giddu
galeessaan dhiirota waggaa 40 keessaa 5% yoo hubu, warreen
waggaa 70 ga’an keessaa ammoo haga 15% hubuu danda’a.
Dhibee kana kanneen namatti fidan keessaa.
1. Rakkoo xiinsammuu (psychological problems). Kun yeroo hedduu
namoota saalqunnaamtii waliin walqabatee miidhama, sodaaa fi kkf
qaban.
2. Dhukkuba sukkaaraa
3. Tamboo xuuxuu
4. Dhukkuba narvii
5. Qorichoota adoochan kan akka hashiishii fi kkf.
6. Qorichoota dhukkuba biraa yaaluuf ajajaman kan akka,
antihypertensive, antihistamine, antidepressants, etc.
7. Depression ( among psychiatric problem) fi kanneen biroon illee
in jiran.
Furmaanni rakkoo kanaa yeroo ammaa qorichoonni garaagaraa
jiraatanis yeroo baay’ee sildenafil (viagra) akka ballinaan
fayidaarra oolaa jiru beekamaadha. Qoricha kana ajaja ogeessaa
fayyaatiin qofa fayyadamna. Midhaawwan cinaa (side effects)
qorichi kun qabu keessaa; mataa dhukkubbii, gadteessisuu
(diarrhea), garaacha dhukkubsuu (dyspepsia), oldeebisuu (nausea).
Fi kkf.

Dr.gurmesa
GALATOOMAA.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here