CUUNFAA LOOMII:- Dr Nuredin Luketiin


Bu’aan qorannoolee hedduu akka addeessutti cuunfaan loomii:
* Vaayitamiin C dhaan kan badhaadhefi madda Vaayitamiin C isa guddaa ta’uun sirni ittisa qaamaa keenya akka jabaatu godha.
* Nyaata qaaman hin bullofne (Fiber) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa hanbisuu, ulfaatinna qaamaa hirdhisuufi fayyummaa mar’umaan guddaa keenyafis gaariidha. 
* Hammi PH qaama keenyaa madaalawa akka ta’u gargaara.
* Bullayinsa nyaataa saffisiisufi oomisha hadhooftu(bile) kan bullayinsa Lipiidiif (coomaaf zayitaaf) barbaachisu ni si’eessa.
* Bu’aa wolnyaatissa keemikaala qaamaa ta’anii isaan qamaaf hin barbachifne bulbuluu irrattis gahee qaba
* Dabalataan madda albuudota akka pootashiyeemii, maagniziyeemii, kaalshiyeemii, fosfarasii fa’a ta’uunis ni beekama. Kun ammoo sirna narvii kunuunsuufi dhiibba dhiigaa hirdhisuu irratti gahe gudda qaba.
* Baakteriyootn dhukkuba fidan hedduun akka wol hin horre ittisuu irratti gahee guddaa taphata.
* Dhukkubbi nannoo jilbaa, ciqilee, fi naanno lafeen wolitti dhufu (joint) namatti dhagahamu tokko tokko ni hirdhisa
* Qakkee/uttaalloo (Common Cold) woyyeesuufi fayyisuufis ni tajaajila
* Gubaa laphees haga tokko ni woyyeessa.
* Kormammaa fi gogaan keenyas akka wolitti hin shunturoofne ni godha.
* Fayyummaa ija keenyaafis barbaachisaadha.



Fayyaa ta’aa!

Horaa, bulaa, deebanaa!

©Dr. Nuredin L.

1 COMMENT

  1. Hedduun gaariidha. Namni kamuu dhibeen qabamee gara mana yaalaa deemuuf jecha humnaa fi horiisaa otoo hin fixne manuma ofii taa’ee dhimma fayyaa isaa irratti afaanuma isaatiin hubannoo argachuun of kunuunsuun badhaadhina.
    Hojii boonsaa kana ittuma fufi. Fuulduraaf yoo dandeesse gara facebook kanaan LIVE dhuftee (optional) hubannoo hawaasa keenyaa cimsuuf yoo yaalte gaariidha.
    Dr.Gltm!!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here