Afaan Oromoo: Barannoo 1 – Seenaa Guddina Afaan Oromoo  : B/sa Fedhasaa Taaddasaatiin


Maxxansa darbe keessatti mataduree “Afaan Oromoo” jedhuun gaaffii 2 isin gaafadheen ture. Baayyeen keessanis deebii gadi fagoo deebisuuf yaaltanii jirtu. Ulfaadhaa! Gaaffileen kun

1. Afaan Oromoo Afriikaa keessatti dubbataa hedduu qabaachuun sadarkaa meeqarratti argama? Toophiyaa keessattoo?
2. Afaan Oromoo guddisuu eessaa jalqabuu qabna?

Maxxansa kana keessatti gaaffii 1ffaa deebisuuf yaalameeraa, dubbisaa!

Afaan Oromoo baroota dheeraaf afaan dubbii qofaatti daangeffamee ture. Sababoota garaa garaarraa kan ka’es waggoota hedduuf osoo carraa qubee ofiitiin barreeffamuu osoo hinargatin ture.

Afaan Oromoo garee Afaan Kuush keessatti ramadama (Tamene 2000, Baye 1986). Afaan Arabaafi Hawuusaatti aanee uummata hedduudhaan akka dubbatamu yommuu ta’u, sadarkaadhaan 3ffaadha. Afaanota Itoophiyaa keessatti argaman keessaa afaan dubbattoota hedduu qabu akka ta’e hayyoonni irratti waliif galu (Feyisa 1996; Hamid, 1995; Mohammed, 1994; Temesgen, 1992 Benderiifi Mulugeta, 1970). Yaada hayyotaa kanarraa kan hubatamu, Afriikaatti sadarkaa sadaffaa, Toophiyaatti sadarkaa 1ffaa ta’uunsaa falmii hinkaasu.

Afaan Oromoo afaanota hedduu gaanfa Afrikaa keessaatti dubbataman keessaa haala dubbiitiin afaan sadarkaa guddaarraa ga’edha. Haata’u malee, barreeffamuu kan eegale bara 1842tti akka ta’e (Bender 1976; Mahaadi 1995) barreesanii jiru. Yaada seenaa jalqabbii kanarratti garuu falmiin ka’uu jalqabeera. Fakkeenyaaf, Tafarii Nugusee dhimmi Oromoo jaarraa 13ffaa keessa barreeffamuu akka jalqabe ragaa argate qaba. Ammas yoo qoratame seenaan barreeffama Oromoo kan jalqabe sana durayyuu ta’uu mala.
Afaan kamuu guddate kan jedhamu dubbattota hedduu qabaachuun qofa osoo hintaane, afaan ogbarruu/ afaan barreeffamaa yoo ta’eedha. Dubbataa hedduu qabachuunsaa guddina afaanichaaf sababa nita’a; garuu guutuu miti. Barreeffamaanis dursuu qaba.

Dubbataa hedduu qabaachuun afaan biyyoolessaa akka ta’u murteessisuu mala. Sunis, guddina! Afaan Oromoo osoo dubbattootaa hedduu hinqabu ta’ee, akkuma afaan ‘gafatfaa’ dhiibbaafi gadi qabaa jaarraa tokkoo olii irra ga’een dhugamee hafa ture. Haata’u malee, dubbataa hedduu qabaachuunsaa du’arraa isa hanbisee jira jechuudha. Dhumarratti, gaaffii tokko akka yaaltan isin afeera.

Afaan Oromoo erga dubbataa hedduu qabaatee maaliif afaan barreeffamaa osoo hintahin turee?

Baranoo 2ffaa keessatti na eegaa…

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here