Fayyaa ija keenyaf maal
soorrannu?
Dhibamnee rakkoorra bu’uu keenyan dura waan
salphaa naannoo keenyatti argannu sirriitti fayyadamuun
fayyaa keenya eeguu
dandeenya.
Soorata guyyaa guyyaa keenya keessaa waan
magariisaa, fudraa fi mudraa osoo dhabuu baannee
fayyaa waliigalaa keenyaf
ni gorfama.
Fayyaa
ija keenyaaf vaaytaamin A fi beettaa kaarootiin osoo
argannee ni gorfamu.
Nyaata argannuun ala oolmaa fi
amaleeffannaa ija keenya miidhanirraa fagaachuu qabna.
Aduu keessatti dubbisuu, hojii yoo hojjennu of
eeggannaa gochuu dhabuu, guutumatti wantoota nu
miidhanirraa fagaachuun gaariidha.Dabalataan qulqullina
keenyas eeggachuun murteessaadha.
Soorrattoonni
kanneen fayyaa ijaaf ni
gorfamu;
Hanqaaquu, luutiyanii fi zaakaantiin,
vaaytaamiin A, ziinkii qaba. Kanneenis reetinana fi
koorniyaan akka
fayyaa ta’an gargaaru.
Halkan argaan akka nutti hin ulfaannee fi rakkoon ijaa
umrii waliin dhufu akka nu hin miine oolu.
Qurxummii, Faaty asiidii Ratinaa ijaa keessatti argamuun
badhaadhaadha. Faatii asiidiin kun hanqachuun dhibee ijaa
‘dry eye syndrome ‘ hariiroo akka qabu ogeeyyiin
fayyaa ni- ibsu.
Lawzii,
vaaytaamiin E qaba. Kun ammoo miidhaa ijaa umrii waliin
uumamu hir’isuuf gargaara. Ijjis akka hin gogne fayyada.
Aannanii fi bu’aawwan aannanii, vaaytaamiin A fi ziinkii
fayyaa ijaaf fayyadan
qabu. Vaaytaamiin A reetiinaan akka hin miidhamne ittisa.
Ziinkin ammoo tiruurraa vaaytaamiinni faayidaa ijaaf oolu
akka dhufu gargaara. Ziinkin qaamni ijaa akka hin
mammadoofnee fi halkan argaan akka nutti hin ulfaanne
gargaara.
Kaarotii, vaaytaamiin A qaba. Ijji
infeekshiniiwwan addaddaaf akka hin saaxilamnee fi
sirriitti akka agarru gargaara.
Raafuu, vaaytaaminootaa fi albuudota
fayyaa keenyaf oolan
hedduu qaba. Dhibee yookin rakkoo ijaa umrii waliin
walqabatanii dhufan ni hir’isa. Aantii ooksiidantoota
hedduus ni qaba.
Burtukaana;vaaytaamiina
fayyaa waliigalaaf oolu
qaba. Ijji akka hin mammadoofne, infeekshiniif akka hin
saaxilamne,
fayyaa ujummoowwan ija
keessaas eeguuf ni oola.
Qabiyyeewwan gosoota
soorataa kanneenirraa kan argannus; dimimmisaa’uu argaa,
dhibee yookin rakkoo ijaa umrii waliin dhufu, glaakoomaa,
gogoo ijaa fi halkan sirriitti arguu dhabuurraa nu
baraaru.
Madda:www.health.com