Dhukkuba jaalalaa (waantoota jaalala ykn relation keenya miidhan):-
1. Waantoota xixiqqoo waldiduu.
Waantoota xixiqqoo yo waldidan yeroo sanaaf salphaa
fakkaata. Fakkeenyaaf… “qodaa kana fuudhii achi kaa’i”
jechuun waan yoo jenne kun waan salphaa fakkataa ….
“lakki” yoo inni tokko jedhe sammuun keenya galmeessaa
deema. Dhumarratti gara dubbii ijoo “ati dhimma kiyya hin
qabdu” jedhuutti dhufa.
2. Yoo wal lolan wal cufuu.
Jaalala keessaatti wal loluu ykn mufachuun waanuma jiru
haa ta’u garuu namoonni tokko tokko lola isaanii walitti
dubbachuudhaan baafatu. Kuun immoo walcufaniit eenyu akka
dura haasofsiisu akka adurreef hantuutaa wal eeggatu.
Abbaan dura haasofsise gadaantummmaadha jedhanii yaadu.
Kanaaf yoo wal lolan walcufuun amala taanaan hammuma
wallolan jaalalli badaa deema. Sababa lolaa osoo hin taane
sababa WAL CUFUU! Kanaafuu wal hin cufiinaa.
3. Sammuu namaa keessatti waa dubbisuuf yaaluu (
Mindreading)
Jaalaleewwan tokko tokko waan ati yaaddu nan beeka sammuu
keessatti waliin jedhu. Kana garuu kan beeku rabbi qofa.
Kanaaf waan namni tokko hin duubbatiin akkasitti yaadda
ykn akka sana gochuuf ati jedhanii abbaa dursanii lafa
kaa’uun deemee deemee walitti bu’iinsa guddaa fida.
4. Hiriyyaa keessan nama biraa waliin wal hin
dorgomsiisiinaa.
Hiriyyaan kee nama biraadha, siif adda. Kanaaf nama biraa
waliin madaalsistee karaa kamiinuu olaantummaa ykn
gadaantummaa hin kennin…
5. Hiriyyaa keessan to’achuuf hin yaaliinaa. Hiriyyaan jaalalaan to’atama ykn to’atamti malee qamaan to’achuun dhumarratti lola fida.
Galatoomaa!
Maddi: Fuula FB Dr. Gurmeessaa irraa
Yaanni asiratti dhiyaatu hundi baayee nama barsiisa kanaaf jajjabeefamuu qaba
Baay’ee namati tola jabadha
dhugaa dubbachuf bay’een irraa baradhe ofi kotif.jaabaadha.
gaalata guddaa qabdaa.