Odaa fi Sirna Gadaa Oromoo
==========//============
Ummatni Oromoo hortee latiinsa hidda kuush keessaa isa guddaa fi Baha Afrikaatti ummata baldhina qabu yoo ta’u waggoota kumaatama dura sirna gadaatiin buluu kan jalqabeefi karaa nageenyaatiin lafa quubsumaa, dheedaa fi hora horii isaaniitiif tolu akkasumas qilleensa jiruuf jireenya isaaniitiif mijaa’u filachaa dhiibbaa tokko malee lafa duwwaa ilaalee qubachaa sirna Gadaa isaatiin wal bulchaa heera uumamaa eeggatee saba jiraataa ture ta’uu seenaatu raga baha.

Ummatni Oromoo babaldhifannaa lafaa kana sababni guddaan inni taasiseef horsiifate bulaa waan tureef lafa dheedaa fi bishaan Horaa horiif wayita barbaadu iddoo marga qabu yoo itti godaanu lafa ummanni biraa irra jiraatu osoo hin taane Bineensota bosonaa Gurguddoo kanneen akka Arbaa, Leencaa, Qeerransaa, Jawwee, Waraabessaa, Sattawwaa fi kkf qofaan darbe darbee kan walitti bu’aniin ala ummata yookaan saba kamiinuu kan walitti hin buune ta’uu fi boodas sirna Gadaatiin Bineensotaafi Bosonas tuquun dhorkaa fi safuu akka ta’e lallabuun/labsuun akka qabeenya ofiitti eeguun jaalalaan waliin jiraachaa turuun isaanii dhugaa dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufedha.

Sirni Gadaa giddugala Bulchiinsaa, Siyaasaa, Aadaa, Amantaa akkasumas jiruuf jireenya ummata Oromoo qofa osoo hin taane uumama waaqaa hundaa karaa miidhaarra hin geessisneen duudhaafi safuu uumamaa eeguun karaa diimokiraatawaan sirna ummatni Oromoo ittiin wal bulchaa tureefi fakkeenya Gaarii Addunyaan amma ittin bultuuti.

Odaa
=====
Odaan mallattoo Diimokiraasii caayaa sirni Gadaa Oromoo jalatti lallabamu, gaaddisa ulfinaa, Asxaa Ummata Oromoo isa jalqabaati.
Odaa mallattoo diimokiraasii akka ta’u wantoota isa filachiisan keessaa muraasni:-
 Gaaddisni Odaa uumamumaan biqiltuuwwan isa jalatti biqilan hin miidhu
 Gaaddisa guddaa waan qabuuf akka galmaatti tajaajiluun alattis horiin/loon waaree galee jala ciisuuf ni fayyada.
 Odaan Bonaaf Ganna hin gogu baalas hin harcaafatu
 Odaan qaamni isaa yoo madaa’e Aannan waan baasuuf hariiroo horsiifate bulaa Oromoo fi Aannan gidduu jiru muldhisa
 Odaan hiddi isaa baayyee lafa keessan fagaatee jiidha bishaanii barbaada. Yoo dhagaarratti biqiles qilee bu’ee bishaan argata. Kun immoo hidda gadi faheenya ummata Oromoo fi obsa inni qabuun walfakkeefama.
 Firiin isaa ni nyaatama, bineensotni firii mukaa sooratan ittiin jiraatu.
 Mukni Odaa meeshaalee garaagaraa, Gaagura, Yabala (Doonii) xixiqqaa hojjechuuf ni Tajaajila.

Walumaagalatti amalli Odaan qabu garalaafummaan, Aannaniin adda bahuu dhaabuu, hidda gadi fageeffachuun isaa, mukni bira yoo irratti biqiles obsaan baachuu fi kkf haalaa fi amala ummatni Oromoo uumamaan qabuun waan walfakkaatuuf akka fakkeenya guddaa sirna Gadaa fi galma lallaba Heeraaf Seeraa akkasumas Ardaa Jilaa Ummata Oromoo ta’uun filatamuu danda’eera.


Maddi:- Biiroo Aadaa Tuurizimii Oromiyaa

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here