Toora Barnoota Afaan Oromoo[afaan-oromoo.com]
******************************************
Afaan Oromoo toorarratti barachuuf kanneen barbaaddan
Odeeffannoo fi Meeshaalee Deeggarsa Barnoota Afaan Oromoo
marsariitii keenyarraa argattanitti dhimma baatanii yeroo
gabaabaa keessatti Afaan Oromoo keessan fooyyeffachuu ni
dandeessu.
Marsariitiin keenya daa’imman, dargaggootaafi Hawaasni
keenya Biyya keessaa fi Idil-Addunyaa Afaan Oromoo
barachuu barbaadu kan biyya kamiinuu jiraatu fageenyaafi
yeroon osoo hin daangessine Afaan Oromoo akka baratuuf
yaadamee kan qophaayeedha.
Kaayyoon keenya Barnoota BILISAA[Online Free Tutor] hawaasa Afaan Oromoo barachuu barbaadu kamiiyyuu daangaa fageenyaa fi yerootiin malee yeroo barbaadetti barachuu akka danda’u gochuudha.